Namichi talaallii Covid-19 irratti qoosaa ture vaayirasichaan du’e

Madda suuraa, CBS
Jiraataan Kaalifoorniyaa talaallii Covid-19 ilaalchisuun miidiyaa hawaasaa irratti qoosaa ture, baatii tokkoof vaayirasichaan dhukkubsachaa turee lubbuun dabartee jirti.
Miseensa mana waaqeffannaa Hiilsoongi Meegaach kan ture Isteefan Harman, talaallii vaayirasii kanaaf qophaa’an mormuu irra darbee irra deddeebiin itti qoosaa ture.
Namni ganna 34 kun ji’a Waxabajjii keessa Tiwiitara irratti hordoftoota isaa 7,000 ta’aniif ergaa maxxanseen, ‘‘rakkinoota 99 qabaadhus talaallamuun hafuun sana keessa hin jiru’’ jechuun qoosee ture.
Dhibee sonbaa fi covid-19’n qabamee hoospitaala Loos Anjalas keessaa xiqqoo fagaatee argamu keessatti yaalamaa erga turee booda Roobii darbe lubbuun dabartee jirti.
Du’uusaa guyyoota muraasaan duratti haala itti jiru agarsiisuuf suuraawwan siree hoospitaalaa irra ta’uun ka’e maxxansuun agarsiisaa ture.
Ergaa Tiwiitara irratti yeroo dhumaaf maxxanseen, meeshaa hargansuuf deeggarutti fayyadamuuf murteessuu isaa barreessee ture.
"Harganuu waan hin dandeenyeef maashinii harganuuf nagargaaru natti kaa’uuf jiru, maaloo hundi keessanuu naaf kadhadhaa’’ jedhe.
"Yoom akka ta’e beekuu baadhus nan dammaqa, maaloo naaf kadhadhaa’’ jedheera dabalataan, osoo lubbuun hin darbin.
Harman wayituma vaayirasichaan wal’aansoo lubbuu qabatee turettillee, amanitin kiyya na oolcha jechuun talaalliin akka hin fayyadne himaa ture.
Osoo lubbuun jiruu weerara kanaafi talaallii isaaf qophaa’e ilaalchisuun, ogeessa fayyaa olaanaa Ameerikaa kan ta’an Dr Antooniyoo Faawuchii manna Kitaaba Qulqulluu irrattin amantaa guddaa qaba jechuun suuraawwan qoosaa waliin qoodee ture.
Hundeessaa bataskaana Hiilsangi kan ta’an Biriiyaan Hiiwustan ergaa Tiwiitara irratti maxxansaniin namni kun lubbuun darbuu ibsaniiru.
"Hiriyaan keenya uti jaalannu Isteefan lubbuun akka dabarte Been oduu gaddisiisaa nuttuf qoodeera’’ jedhnai Abba Hiiwustan.
Inistaagiraam irratti ergaa dabarsaniin ammoo, ‘‘namota muraasa arjaa ta’an keessaa tokko kan tureefi egeree guddaa kan of duraa qabu ture’’ jedhaniiru.
Miseensonni bataskaana isaaniis ajaja dooktaroota isaanii akka hordofaniif ergaa dabarsaniiru.
Kaalifoorniyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa kan dhufe yoo ta’u, warreen hoospitaala geeffaman keessaa hedduun isaanii talaallii kan hin fudhanne dha.













