Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigiraay: Baqattoota Ertiraa Tigiraay jiran irratti 'Yakki waraanaa' raawwatameera- HRW
Baqattootni Ertiraanaannoo Tigiraay keessa jiraatan humnaan gudeedamuunn kaan hidhamanii kaan ammoo ajjeefamaniiru jedhe Human Raayits Waach.
Miidhaan kun kan irra gahe loltoota Ertiraa humna waraanaa Itoophiyaa waliin tahuun humnoota TPLF waraanaa turaniin.
Dabalataan humnootni TPLF yakka kana baqattoota Ertiraa irratti raawwachuu isaanii dhaabbatni kun himeera.
Qaamoleen waraanicha keessa jiran hundu haleellaa baqattoota irratti tahu akka dhaaban kan gaafate Human Raayits Waach, dahoo baqattootaa keessaa bahuun deeggarsa namoomaa akka dhiyaatuuf haala mijataa uumu qabu jedhe.
Sadaasa 2020 irraa hanga Amajji 2021tti loltootni Eertiraa fi humnootni TPLF dahoo baqattootaa Eertiraa Hitsaas fi Shimelbaa seenaniiru jedhe gabaasichi.
Loltootni Tigiraay dhalattoota Tigiraay naannoo dahoo baqattootaa jiraatan irrattis haleellaa raawwachuu hime.
Lolli ji'a Adoolessaa keessa naannoo kaampii baqattootaa Mayi Ayinii fi Adi Harushitti baname baqattootni deeggarsa nageenyaa ariifataaf akka saaxilaman taasiseera jedhe. Baqattootni Eertiraa kumaatamni dahoo naannoo Tigiraay keessa jiraachaa jiru.
Dabalataan Jiraattotni naannoos isaan hin amanan. Sababni isaas loltoota Eertiraa jiraattota Tigiraay irra miidhaa geesisan waliin sabaa fi lammii tokko waan tahaniif.
''Ajjeechaa suukaneessaa, gudeeddii fi saamichi baqattoota Ertiraa Tigiraay jiraatan irratti raawwate ifatti yakka waraanaati,'' jette Gaanfa Afrikaatti Daarikterri Human Raayits Waach Leteshiyaa Baader.
''Baqattootni Eertiraa loltootuma baqatanii biyyaa bahanii fi humnoota TPLF'n haleelaman,'' jette Latishiyaa Baader.
Sadaasa 23, 2020 hidhattootni TPLF dahoo Hitsaash galuun baqattoota naannicha jiran haleelan. Humnoota TPLF fi loltoota Eertiraa gidduuttis waraanni gaggeeffame. Baqattootni sagal ajjeefamuun 17 akka malee madaa'an jedhe Human Raayits Waach.
Baqattuun tokko akka jettetti humnootni TPLF abbaa warraa ishee ajjeesan. Maatiin yeroo bataskaana keessa dhokachuuf yaalu ture kan ajjeefame.
''Abaan warraakoo ilma isaa wagga afurii dugda isaatti, ilmasaa wagga 6 ammoo kaasuu isaatti baatee ture. Akkan bataskaana galuuf na gargaaruuf yeroo duubatti deebi'u rasaasaan dhahanii ajjeesan.''
Eertiraan waa'ee himata irratti dhiyaatu kanaa irratti deebiin kennite hin jiru. Kana dura garuu yakkaa fi miidhaa loltoota Eertiraatu raawate jedhu hundaa haalaa turte.
Dubbii himaan TPLF Getaachoo Raddaa, humnootni uffata waraanaa uffatan tibbana gara naannoo jedhame kanaatti bobbaafamaniiru jedhe.
''Garee mufate'' naannicha jiruun haleellaan baqattoota irratti raawwatamuu akka hin oolle guutummaan hin haalle, akka Rooyitersi gabaasetti.
''Loltoota Eertiraa baay'eetu bakkicha ture,'' jedhe. Loltootni waraana ji'a kudhaniif ture kana irratti lolaa turan sarbama mirga namoomaa raawwataniiru jedhamuun himatamaa turan.
Waraanni naannoo Tigiraayitti humnoota TPLF fi human waraanaa mootummaa Itoophiyaa gidduutti gaggeefamaa ture kumaatamaan lubbuu namootaa galaafateera. Miliyoonaan kan lakkaa'aman ammo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.