Hidha Haaromsaa Itoophiyaarratti ibsa Mana Maree Nageenyaa UN fi deebii Itoophiyaa

Madda suuraa, Ministry of water
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN) Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan marii waldhibdee dhimma hidha haaromsaa irratti marii akka itti fufanii fi mariin kunis yeroo murtaa'aa keessatti akka gaggeeffamu akeekkachiise.
Ibsi Manne Maree Nageenyaa UN Roobii kaleessa baase biyyoonni sadeenuu affeerraa dura taa'aan Gamtaa Afriikaa taasiseef fudhachuun mariitti deebi'uu qabu jedhe.
''Biyyoonni sadeen akkaataa guutiinsa bishaanii fi oppireeshinii hidhichaarratti waliigaltee seera qabeessa hunda hirmaachiserra ga'uu qabu,'' jedha ibsi kun.
Manni maree miseensa 15 of keessaa qabu kun taajjabdoonni biyyoota sadan biratti fudhatama qaban adeemsa marii waliigalteef taasifamu kana deeggaruu akka akka qaban dhaameera.
Manni marechaa dhimma hidha haaromsaarratti erga mari'atee callisa torbanoota sagalii booda ibsa baasuu isaa, keessattuu marii gara Gamtaa afriikaatti qajeelchuusaa Mootummaan Itoophiyaa akkaan simata jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baase keessatti.
Garuu manni maree dhimma isa hin galchine laaquun waa'ee mirga bishaanii irratti abbummaan dubbachuunsaa waan itti gaabbuu qabuudha jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa miseensota mana marechaa adeemsa hojii manichaa dura dhaabbachuun sirreessuuf yaalan ni galateeffata jedha ibsi kun.
Ejjennoon Itoophiyaan dhimma laga Abbayyaa irratti qabdu mirga isheetti fayyadamuu fi hariiroo mishaa biyyoota yaa'a gadii waliin uumuudha jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa.
Gama kaaniin Pireezdantiin Masrii Aldul Fattaah al-Siisii fi gitni isaanii kan Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo , Felix Tshisekedi, waliin dhimma hariiroosaanii fi dantaa waliinii biyyoota naannawa kanaa irratti mari'ataniiru.Oduun kun qondaaltonni lameen bilbilaan waliin dubbachuu, Dubbi Himaan Pireezdantii Masrii Feesbuukiisaaniirratti erga maxxansanii dhagame.
Kunis kan ta'e Fulbaana 14, 2021.Pireezdant al-Siisiin biyyoonni lameen hariiroo gama siyaasaa fi diinagdeen cimsachuu akka fedhan ibsan.Gitni isaanii Pireezdant Tshisekedi gamasaaniin hariiroon Masrii waliin qabaachaa jiran diingadee biyyasaaniif akkaan murteessaa ta'uu himan.
Yeroo ammaa dura taa'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Pireezdant Tshisekedi dhimma hidha haaromsaarratti Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii mariisisuuf deemu.
Caamsaa darbe biyyoota sadeen gidduutti mariin Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongootti qophaa'ee ture hin milk'aain hafeera.
Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa laga Abbayyaa irratti ijaaramaa jiru biyyoota ollaa, Sudaan fi Masrii biratti dhiphina guddaa erga uumee bubbule.
Masrii fi Sudaan gogiinsaa fi hanqina bishaanii nutti fida jechuun ijaaramuu hidhichaa irratti amantee guutuu dhabuun yoona ga'aniiru.
Masriin jiruu fi jireenyi lammiileeshee bishaan kanarratti waan bu'uureffateef dhimmicha akka jiraachuu fi jiraachuu dhabuutti ilaalti.
Itoophiyaan ammoo hidhichi wabii lammiilee miiliyoonaan lakkaa'amniiti jechuun falmiti.
Hidhi sadarkaa xumuramuurra ga'e kun marsaa isa jalqabaa meegaawaattii 750 maddisiisuuf qophii akka ta'e mootummaan ibsa.
Bara 2023tti wayita guutuun hojiitti seenu dandeettii anniisaa elektirikii maddisiisuu hidha kanaa kan amma hojii jalqabuuf jedhu(meegaawaattii 750) si'a saddeet ta'a.
















