Manni Maree Nageenyaa UN dhimma hidha Haaromsaa irratti gahee olaanaa hin qabu jedhe

Hidha Haaromsaa

Madda suuraa, OMN

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma hidha haaromsaa Itoophiyaa irratti qooda guddaa akka hin qabaanne beeksise.

Gaaffii Sudaan fi Masriin dhiyeessaniin manni marichaaa torbe dhufu walgahii gaggeessuuf ture.

Baatii Adooleessaa keessa walitti qabaan mana marichaa fi UNtti ambaasaaddara Firaanskan ta'an Nikolaas Da Riiviiyeer gaazexeessitootatti akka himaniitti, manni maree nageenyaa torban dhufaa keessaa dhimmi hidha Abbayyaa irrattii marii taasisu danda'a.

Haata'u malee manni marichaa biyyoota sadan, Itoophiyaa, Sudaanii fi Masrii waamuun, yaaddoo isaanii akka ibsaniifi gara marii waliigalteerra isaan geessisuutti akka deebii'aniif jajjabeessuun alatti dhimmi raawwatu akka hin jirre ibsan.

''Manni Marichaa kana caalaa dhimmi raawwachu danda'u jira jedhee hin yaadu,'' jedhan walitti qabaan kun.

Itoophiyaan karoora ishee bishaan marsaa lammaaffaa hidhichaa guutuuf torbanoonni qofti hafan kanatti, Sudaanii fi Marsiin dhimmicha mana maree nageenyaa Motummoota gamtoomaniin alattis gara Liigii Arabaatti geessuun dhiibbaa uumuuf yaalaniiru.

Sudaanii fi Masriin ijaarsi hidha guddicha Abbayyaa Itoophiyaa gara xumuraarra gahaa jirtuu, gahee bishaan keenyaa huba jechuun waliigalteen seeraa fi dirqisiisaa ta'ee osoo hinmallattoofne bishaan marsaa lammaaffaa akka hinguutamneef watwaataa jiru.

Hidhi guddichi haaromsa Itoophiyaa kan humna elektirikii meegaa waatii kuma shanii ol akka maddisiisu himameef kunis, Itoophiyaan hidhichi bu'aa qabaatuun alatti miidhaan inni biyyoota yaa'aa gadiirratti qabaatuu hin jiruu jetti.

Waliigalteerra gahamus gahamu baatuus waqtii ganna kanatti marsaa lammaaffaa bishaan akka guuttu beeksiifte jirti.

Mariin biyyoota sadaniin gaggeeffamaa tures irra deddebiin waliigaltee malee hafuusaatiif Masrii fi Sudaan dhimmicha Manni Maree Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii akka ilaaluuf gaaffachuun alattis biyyoonni lixaa kaanis maricha keessatti akka hirmaataniif irra deddeebbin gaafataniiru.

Itoophiyaa garuu mariin dhimma hidhichaa akkuma gaggeeffamaa tureetti Gamtaa Afriikaatiin xumuramu qabaata jechuun, qaamooleen biraa mariicha keessaa akka galaniif gaafachuun ''yaalii gamtaan Afriikaa taasisaa jiru tuffachuudha'' jechuu yaadicha kufiste.

Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan yeroo adda addaatti biyyoota sadan mariisiisfuu yaalii dheeraa taasisaa kan turan ta'ulleen, marii kamiinu bu'aa qaamoolee sadan waliigalteetti fidu irra gahamuun hindanda'amne.

Sudaaniifi Masriin hangi bishaan argannuu nu jalaa hirrata jechuun irra deeddeen mormii dhiyeessaa kan turan yoo ta'u, Itoophiyaan garuu bishaan hidhichaa lammiileeshe miliyoona 65'f human elektirikaa dhiyeessuuf akka fayyadamtu himuun yaaddooni biyyoonni kunneen kaasaan sirrii akka hintaane isaa turret.

Ijaarsi hidha Guddicha Haaromsa Abbaayyaa baasii doolaara biiliyoona shanii oliitiin Itoophiyaan gaggeessaa jirtuu kun erga eegalamee waggaa kudhan guuteera. Hidhi afriikaatti isa guddicha ta'uunsaa himameef kunis gutummaatti wayita xumurameetti human ibsaa meegaa waattii kuma shanoo maddisiisuu qaba jedhameera.

Hidhicha marsaa tokkooffaansaa bishaaniin kan guutamee ganna bara darbee yoo ta'u, marsaa lammaffaan isaa torbanoota dhufaa keessa kan raawwatamu ta'u Itoophiyaa beeksiifte jirti.

Haaluma kanaanis hidhichi bara haaraa Itoophiyaatti hanga tokko human ibsaa oomishu ni eegala jedhamee eegama.