Hidha Haaromsaa: Dirree addunyaa irratti hidha haaromsaaf kan falman Dr Injinar Silashii Baqqalaa eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa wayita ka'u namni jalqaba maqaan dhahamu ministira Bishaan Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa Dr Injinar Silashi Baqqalaa Awulaachoodha.
Marii nuffisiisaa fi wal-xaxaa Masrii fi Sudaan waliin godhamaa ture irratti ejjennoon falmuun lammilee hedduu biratti jaalala horachaa jiru.
Finfinnee, Kaartuum, Kaayiroo, Waashingitan, Koongoo Kinshaasaa, NiwuYoorkii fi waltajjiiwwan kaan irratti garee Itoophiyaa dursuun mariiwwan godhaman irratti hirmaachaa kan jiran nama kana.
Bara darbe wayita mariin dhimma hidha aaromsaa jaarsummaa Ameerikaatiin Washiingitan keessatti gaggeeffamaa ture, gaaffii 'hidhicha wayita xumuramu eenyutu bulcha?' jedhu falmii kaasee ture.
Dr Injinar Silashiin 'maal jechuu keessan kuni hidha kooti', 'It Is My Dam' jechuun deebiin kennan, dhaadannoo lammileen Itoophiyaa hanga ammaa mararsiifatan ta'eera.
Marii Manni Maree Nageenyaa UN kaleessa dhimma hidha haaromsaa irratti taasise irrattis ejjennoo Itoophiyaa ilaalchisee haasawa taasisaniin marsaalee hawaasaa irratti jajamaa jiru.
Ofii Dr Injinar Silashiin eenyu?
Bultii horatanii ijoollee lamas qabu. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa wayita hojjetaa turan waamicha MM duraanii Itoophiyaa Hayilamaariyaam Dassaalenyi dhiyeessaniif fudhatanii gara biyyaa deebi'an.
MM Abiy Ahimad gara aangoo wayita dhufanitti ministiroota muraasa aangoorra akka tursiifaman ta'an keessaa nama tokko.
Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa Dr injinar Silashii Baqqalaa waggoota 30f qorannoo fi qo'annoo, barsiisummaa fi hoggansaa adda addaan dhimma bishaan fi inarjii irratti muuxannoo jabaa qabu.
Osoo gara NiwuYoorki imaluun gorsaa dhimma diinagdee fi misooma waaraa ta'uun hojjechuu hin eegaliin dura, Finfinneeti kan argamu komiishinii diinagdee Afrikaatti ogeessa bishaanii fi jijjiirama qilleensaa ta'uun hojjechaa turan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti dhimma misooma waaraa fi guddina dinagdee irratti gumaacha guddaa gumaachaniiru jedhama.
Sana dura ammoo waggoota torbaaf dhaabbata bulchiinsa bishaanii idil-addunyaa fi Waajjira Yaa'a laga Naayil damee Baha Afrikaa hogganuun hojjetaniiru.
Kana cinaatti dhimma bishaan, jallisii fi inarjii irratti qorannoo fi qo'annoo gochuun akkasumas gorsuun hojjetaa turan.

Madda suuraa, Dr Sileshi Bekele/twitter
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashiin hogganan bara 2025tti tajaajila elektiriikii guutummaa Itoophiyaa waliin gahuu galma godhatee hojjetaa jira.
Kitaaba Yaa'a laga Naayil barreessitoonni 45 biyyoota Afrikaa gara garaa irraa walitti dhufan barreessan gulaalaa fi qindeessaa turan.
Yuunivarsitii Arbaaminci keessatti diinii ta'uunis hojjetaniiru. Wayita yuunivarsiticha keessa turan muummeewwan barnootaa hidhaa fi bishaan irraa anniisaa maddisiisuu, jallisii fi yaa'a bishaanii akkasumas qabeenya bishaanii fi haayidiroolojii hundeessaniiru.
Dabalataanis annisaa bishaan irraa maddisiifamu, qabeenya bishaanii, itti fayyadamaa fi bulchiinsa bishaanii akkasumas jijjiirama qilleensaa ilaalchisee koorsiiwwan gara garaa yuunivarsitiiwwan Itoophiyaan fi kan biyya Jarmanii keessatti barsisaniiru.

Madda suuraa, Twitter/Aronsimeneh
Barnoota ...
Dr injinar Silashiin digirii isaanii jalqabaa yuunivarsitii Finfinnee irraa siviil injinaariingiin kan eebbifaman yoo ta'u, digirii lammataa UK yuunivarsitii Niwukaasil irraa haayidirooliik injinariingii fi haayidiroolojiin eebbifamaniiru.
Digirii sadaffaa qabeenya bishaanii fi haayidirooliik injinariingiidhaan yuunivarsitii Direesdan kan biyya Jarmanii irraa argataniiru.
MM duraanii Itoophiyaa Hayilamaariyaam Dassaalenyi waliin yuunivarsitii Arbaamincitti waahillan turan. Obbo Hayilamaariyaam ministirummaan biyya isaanii akka tajaajilan wayita gaafatanitti tole jechuuf mataa hin marre.
"Akka lammii Itoophiyaa tokkootti biyyi koo beekumsa koo fi ogummaa koo gaafa feetu, carrichatti fayyadamuun anaaf ulfina," jechuun miidiyaa biyya keessaa tokkotti dubbataniiru.
Waamicha kana hordofees maatii isaanii hunda waliin gara biyyaa deebi'anii ministirummaan tajaajiluu eegalan.
Ministirummaan haa tajaajilan malee hanga yeroo dhiyoo miseensa dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin turre Dr injinar Silashiin dhiyeenya kana paartii Badhaadhinaa bakka bu'uun Fifinnee naannoo filannoo 17 irratti mana maree bakka bu'oota uummataaf dorgomanii turan.














