Waraana Tigraay: Dhaabbani gargaarsaa US humnoonni TPLF midhaan gargaarsaa man-kuusa keessaa saamuu ibse

Man-kuusa midhaan nyaataa

Madda suuraa, Reuters

Finciltoonni TPLF torbanoota darban keessa man-kuusa midhaan nyaataa dhaabbata gargaarsaa US (USAID) saamuun isaanii ibsame.

Itoophiyaatti Daarektarri Ergamaa USAID Shoon Joons buufata TV biyyaalessaa Itoophiyaa (EBC)tti akka himanitti, finciltoonni TPLF midhaan gargaarsaa man-kuusa keessa jiru bakkawwan gahan keessaa saamaniiru jedhan.

"Loltoonniifi namoonni hidhatan lammilee jalaa midhaan nyaataa hataniiru. Keessattuu TPLF naannoo Amaaraa bakkawwan gaheefi lola bane hundatti midhaan nyaataa man-kuusa keessaa saameera; konkolaataawwanis saameera. Qabeenyas mancaaseera," jedhe daarektarichi.

Waraanni naannoo Tigraay keessatti finciloota TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti jalqabame namoota kumaatamaan lakkaa'aman galaafachuun rakkoo namoomaa hamaa qaqqabsiisuun isaa ibsameera.

Itoophiyaatti Daarektarri Ergama USAID Shoon Joons EBCtti akkas jechuun dubbatan: "Keessumaa TPLF naannoo Amaaraa keessatti bakkawwan gahanitti midhaan nyaataa man-kuusa keessaa saamuu isaaniifi man-kuusawwan kunneen qullaa ta'uu isaanii ragaa qabna."

"TPLF haalawwan jiran qixa sirriin fayyadamaa akka hin jirre nan amana. Namoota gargaarsi barbaachisurraa humnaan fudhataa akka jirutti nutti dhaga'ama; dhugaan beeknu garuu humnoonni TPLF bakkawwan galan hundatti man-kuusawwan saamaniiru," jedhan Daarektarri USAID kun.

Torban darbe Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) irrattis bakka bu'aan Ameerikaa "Naannoo Amaaraa keessatti man-kuusni midhaan nyaataa humnoota TPLFn saamamuu," dubbatanii turan.

Dabalataanis USAID himannaa dhaabbatichi finciltootaaf nyaata humna kennan dhiyeessaa jira jedhu dhara akka ta'e beeksisuuf ibsa baaserratti, "Yeroo baayyee bakkawwan walitti bu'insi jiranitti hidhattoonni namoota gargaarsi barbaachisu jalaa akka hatan," eeree ture.

Shoon Joons

Madda suuraa, EBC

Itoophiyaatti Daarektarri Ergama USAID kana jechuu isaanii hordofee aanga'oonni TPLF fi mootummaan Federaalaa dhimmicha irratti hanga ammaa wanti jedhan hin jiru.

Kanaan dura, Finciltoonni TPLF fi mootummaan Federaalaa akka gargaarsi namoomaa hin darbine danquutiin inni tokko isa kaan irra deddeebiin himachaa turaniiru.

Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin finciltoonni TPLF midhaaniifi meeshaaleen gargaarsaa biroon gara naannoo Tigraay akka hin seenne gufuu ta'aa jiru jechaa tureera.

Aanga'oonni TPLF ammoo gamasaaniitiin mootummaan Federaalaa gargaarsi namoomaa Tigraay akka hin qaqqabneef daandiiwwan cufeera jechuun himachaa, sababiin waraanaa jiraniif tokkos, ulaa gargaarsaa cufame banuufidha jechuun dubbatu.

"Gargaarsi namoomaa kamiyyuu gidduu seenuuniifi hatuun fudhatama kan hin qabneefi namoota rakkataniif gargaarsi akka hin qaqqabne kan taasisudha," jedhaniiru.

line

Tigraay keesatti namoonni 900,000 ta'an beela keessa kan jiran yoo ta'u, kanneen biroo miliyoona 5 ta'an ammoo gargaarsi namoomaa atattamaa kan isaan barbaachisudha jedheera USAID.

Ji'oota lamaan darban keessa sababa waraana gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'ateen, namoonni miliyoona walakkaa ta'an naannolee lamaan keessaa buqqa'anii gargaarsi kan isaan barbaachisu ta'uu naannoleen kunneen ibsuun isaanii ni yaadatama.

Baatiiwwan saglan waraanni gaggeeffamaa ture kana keessatti hojjettoonni gargaarsaa namoota miliyoonaan lakkaa'aman gargaarsi barbaachisu qaqqabuudhaaf kuusaan midhaan nyaataa Tigraay keessaa qaban akka jalaa dhumu hoggantuun USAID dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Akka hoggantuun USAID Samaantaa Paawor jettetti, midhaan nyaataa gargaarsaaf barbaachisu dhibee osoo hin taane, ulaan ittiin geeffamu danqamuu isaatiini.