Qondaalli poolisii Taayilaand sababa viidiyoo dararaa haalaan qoodameef barbaadamaa jira

Thitisan Utthanaphon

Madda suuraa, Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Thitisan Utthanaphon konkolaataawwan haalaan saffisan kan jaalatu oggaa tahu, kanaanis "Jo Ferrari" jedhuun

Viidiyoon yemmuu shakkamaan daldala qoricha sammuu hadochuu dararamuu fi ajjeefamu agarsiisu erga ba’ee booda, hogganaan poolisii amma hojirraa kaafameeru qorattoota Taayilaandiin barbaadamaa jira.

Poolisootni magaalaa Baangikook, mana qananii hogganaa poolisii Thitisan Utthanaphon ykn maqaa masoo "Jo Ferrari" jedhamuun beekamu sakatta'aniiru.

Jalqaba ji’a kanaatti hogganaan kuniifi namootni ja’a biroon gocha hamaa kanaan himatamaniiru.

Viidiyoon kaameeraa eegumsaan waraabamee interneeta irratti gadhiifame akka mul’isutti, shakkamaan kun himatni irratti baname akka haqamuuf doolaara 60,000 akka kafalluuf erga ajajamee booda, feestaaliitiin ukkaamfamee ajjeefame.

Roobii Baangikookitti poolisiin yemmuu mana jireenya hogganaa poolisii kanaa sakatta’utti, konkolaataa qaalii 13 argateera.

Erga viidiyoon kun mul’atee booda namni ganna 39 Tilisan Utanfon, hojii isaa hogganaa poolisii Nakhoon Sawan, magaalaa km250 Baangikook irraa fagaatte jirturraa ari’ameera.

Viidiyoon, qondaala poolisiitiin maxxanfame jedhamu kun, namicha qoricha sammuu hadoochu meet jedhamu gurguruun shakkamee to’annoo jala oole kana, qondaaltonni poolisii hedduun mataa isaatti feestaalii hedduu yemmuu maran ni agarsiisa.

Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti, dararaan kun eegalee erga shakkamaan kun ofii isaa fi jaalallee isaa hidhaarraa gadhiisisuuf matta’aa kaffalu dachaan akka dabalu erga gaafatame booda.

Viidiyoo kana irratti lubbuu namichaa olchuuf yaalamus, ukkaamfamuu isaan lubbuun isaa darbu ni mul’isa.

Hogganaan poolisii kun qondaaltonni sababni du’a namichaa qoricha sammuu hadoochu garmalee fayyadamuudha jechuun akka gabaasaniif itti himuunsaa himameera.