Heezboolaan daldala qoricha sammuu akkaa ol mirqaansu keessaa harka hin qabu jedhe

Madda suuraa, REUTERS
Gareen hidhataa Libaanoos Heezboolaan omisha qoricha sammuu akkaa ol mirqaansu Emfitaamiin jedhamu keessaa harka qaba jedhamuu dursaan garichaa haalani.
Jaala Sooriyaa kan ta’an dursaan Heezboolaa Sheek Hasan Naaslaalaa himannaa garee isaaniirratti baname ''amanamummaa kan hin qabne'' jechuun busheessaniiru.
Garee kanarratti shakkiin kan ka’e bara darbe qorichi kiiloo kuma 14 ol Xaaliyaan keessatti erga qabameen boodadha.
Akka anga’oonni Xaaliyaan jedhanitti, qorichichi kan imala eegale buufata doonii Sooriyaa Laataakiyaa jedhamturraa ture.
Qorichi adoochaan kun eessaa akka ka’e anga’oota Xaaliyaan gaafannee turre kan jedhan Sheek Hasan Nasrallaa, himatichi dhugummaa hin qabu jedhani. Faallaa sanaatiin IS fi gareewwan maafiyaa Xaaliyaaniif Raashiyaa irratti qorannoo geggeessaa jiraachuu himani.
Gareen isaanii ''oduun sobaa'' akka irratti banameefi biyyoonni Lixaa ''pirooppogaanda'' kana duuba jiru jedhanii akka amananis dursichi himaniiru.
Dhaabbileen Ameerikaafi Awurooppaa gareen kun daldala qoricha adoochaarraa galii guddaa argata jechuun himachaa turani.
Gareen poolisii Xaaliyaan yakkoota qarshii waliin wal-qabatan qoratuun kan qabameefi akka gubatu kan taasifame qorichi adoochaa kun, gatii doolaara biiliyoona 1.2 jedhamuun, IS’n omishame jechuun gabaafamee ture.
Haata’u malee qorichi hammana ga’u garee IS’n qofa omishamuu hin danda’u, inumaa naannolee Bashaar al-Asaadiin to’ataman keessa warshaalee jiranitti omishamuu hin oolu shakkii jedhu kaaseera.
Qorichi to’annoo jala oole garee yakkaa tokko irratti hordoffii wayita taasisaa turanitti ture. Gareen kun garuu kan hirmaataa ture gurgurtaa mijeessuu irrattidha. Ga’umsi isaas Awurooppaa osoo hin taane, waraanaan goolamaa kan jirtu Liibiyaa akka godhate shakkama.
Mootummaan Sooriyaafi jaalleewwan isaa qoricha sammuu adoochu gurguruun galii guddaa argatu jedhamuun himatamu. Waraana waggoota dheeraaf tureefi qoqqobbii irra jiruun hanqina maallaqaa keessa kan seente biyyattiin, omisha qoricha adoochaa seeraan alaa irratti fuula akka deebiftu ishee taasseera jedhamee amanama.












