Polisoonni ofiin fardarra taa'un nama gurraacha harka hidhan dhiifama gaafate

Ameerikaa kutaa biyyaa Teeksaas keessatti poolisoonni adii ofiin farda yaabbatanii yeroo deeman nama gurraacha tokko ammoo harka kaaboon hidhanii wayita deemaa jiranitti suura argameef poolisiin kutaa biyyattii dhiifama gaafate.
Dursaan Poolisii Gaalvestoon Vernoon Halee Wiixata darbe akka jedhanitti haalawwan tokko tokko keessatti teeknikiin akkasii kun kan hayyamamu ta'ullee " bakka kanatti garuu qondaaltonni kunneen murtee dadhabaa agarsiisan."
Dursaan poolisii kun akka jedhanitti, ''waan kana hammeenyaaf hin raawwanne'' kanaafis "teeknika kana fayyadamuu dhiisisuuf" imaammanni mummee jijjiirameera.
Namoonni hedduun miidiyaalee hawwaasummaarratti, suura jaarraa daldala garbootaa nama yaadachiisa jedhan.
Akka ibsi Mummee Poolisii Gaalvestoon irraa argame jedhutti, qondaaltonno poolisii farad koranii nama gurraacha harka hidhanii farad isaan dura deemsifataa turan kunneen P Brosch fi A Smith jedhamu. Nama Doonaald Niilii jedhamu ammo yakka hojjete jedhaniif to'atan.
Qondaaltonni poolisii kunneen akka jedhanitti, Obbo Niiliin gara buufata poolisii geessaa turan. Poolisiin akka qulqulleeffatetti namichi gurraachi yakkaan shakkamee qabame kun duraan funyoodhaan hidhameera kan jedhu himamaa turullee "harka isaa lamaanitu hidhamee funyoon irraa rarra'ee mullata."
Qajeelchi poolisii kun itti dabaluudhaan: "Dhimma kana irratti ilaalchi qajeelaa hin taane akka jiraachuu malu ni amanna. Mala/tekinika kana fayyadamuu dhiisuun baayyisee barbaachisaadha."
Akka Haleen jedhanitti, Obbo Niiliin "saalfii hin barbaachifnedha jedhanii dhiifama gaafatan."
Qondaaltonni poolisii "bakka shakkamaa kana to'annaa jala oolchanitti garee tiraanspoortii eeguun isaanirra ture," jedhe itti dabaluudhaan.

"Teeknika akkasii fayyadamuu ilaalchisee hatattamaan imaammata kana jijjiirre. Itti dabalaanis, mala sirrii ta'een itti fayyadamuudhaaf leenjii abbootii fardaa kana keessa deebinee ilaalla," jedhan.
Obbo Niiliin dubbisuuf hayyamamaadha garuu yaada isaa argachuudhaaf isa qaqqabuun hin dand'amne, jechuun Houston Chronicle ammo gabaaseera.














