Nikola Tesla: Karoorri kalaqaa beekamaa saantimarratti maxxanfachuu biyyoota lama gidduutti atakaaroo uume

Nikoolaa Teslaa

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni Awurooppaa lama, Sarbiyaafi Kirooshiyaan, karoora fakkii kalaqaa beekamaa Nikoolaa Teslaa saantiima biyya ofiisaaniirratti baafachuun kabajuuf jedhamerratti lola keessa galan.

Sababiin ammoo, atakaaroo biyyoonni kunneen Nikoolaa Teslaa kan kooti malee kan kee miti jechuun keessa galanidha.

Sarbiyaas ta'e Kirooshiyaan Nikoolaa Teslaa akka goota isaanii ta'etti himatu.

Nikoolaa Teslaa nama akkamittiin akka yeroo humni elektirikaa darbaa jirutti jijjiiranii itti fayyadamuu danda'an dursee argatedha. Kana malees, qorannoowwan saayinsii jajjaboo addunyaarratti jijjiirama fidan biroos gaggeessuun nama milkaa'e ture.

Tarii, milkaa'ina qorannoo isaafi waan gaarii inni addunyaaf gumaache yaadachuun, kun biyyoota Awurooppaa lamaan gidduutti waldhibdee uumuu isaa osoo baree saayintistiin kun hedduu rifata ta'a.

Baankiin Giddu-galeessaa Sarbiyaa biyya ollaa kan taate Kirooshiyaan kalaqaa beekamaa addunyaa kana saantiima isheerratti baasnaan tarkaanfii akka fudhachuuf jiru Gamtaa Awurooppaa (EU)tti dhaadateera.

Kirooshiyaan gamasheetiin bara 2023 keessa yeroo karensii Gamtichaa keessa galtutti fuulli Nikoolaa Teslaa maallaqa Yuroo irratti maxxanfamee arguu barbaaddi.

Haata'u malee, Sarbiyaan ammoo anaaf mala jechuun falmiti. Sababiin isaas biyya yeroo ammaa kana Kirooshiyaa jedhamtu keessatti dhalatullee akka Sarbiyaa ta'etti of ilaala ture Nikoolaa Teslaa.

Biyyoonni kunneen lamaan masaanota yeroo dheeraa kan turaniifi seenaa gaddisiisaa ta'e qabu.

Baankii Biyyaalessaa Kirooshiyaa erga uummata mariyateen booda kalaqaa beekamaa kana gara fuula duraatti saantiimota abbaa 50, 20 fi 10 irratti baasuuf akka jiru dubbateera. Kanaaf ammoo, karoora isaa Onkoloolessa keessa EU beeksisuuf akka jiru hima.

Baankiin Giddu-galeessaa Sarbiyaa ammoo karoora Baankii Biyyaalessaa Kirooshiyaa kanaaf deebii kennuun, Teslaa saantiima Kirooshiyaarratti baasuu jechuun hambaa seenaa Sarbiyaa "humnaan saamanii fudhachuu" jechuudha jedhe.

Haata'u malee, Kirooshiyaanis waan gadi jettu hin fakkaattu. Akkuma Teslaa sabummaan isaa Sarbiyaa kan ta'e Ministirri Muummee Itti-aanaa Booris Milooseviich, karoorichatti "kanan boonuufi itti gammadudha" jedhe.

Teslaan (daaraan reeffa isaa gubamee) Sarbiyaa keessatti kan awwaalame yommuu ta'u, buufanni xiyyaaraa Beelgireed amma maqaa isaatiin moggaafameera.

Rimoot kontirooliifi ibsaa filooresentii dabalatee kalaqawwan gurguddoo ammayyaa duuba kan jirudha namni kun.

Kalaqaan kun bara 1943 keessa kan du'e yommuu ta'u, namoota isa amanatanii duuka buutota isaa ta'an qofa qabuun yaadatama ture.

Haata'u male, kaampaaniin konkolaataa humna elektiriikaan hojjetan hojjechuun beekamu maqaa isaatiin moggaafameera. Abbaan qabeenya kampaanii konkolaataa elektirkaa omishu, Tesla jedhamuufi hoji-gaggeessaan isaa ammoo dureessa addunyaarratti sadarkaa lamaffaarra jiru Elon Musk'dha.

Tarii himuuf gaarii ta'uu dhiisuu mala malee, Teslaan bara jireenya isaa gara caalaa Yunaayitid Isteeet keessatti dabarse jedha gabaasaan addaa BBC Baalkaans Gaay Dee Laahuniin.