Ingilaandi fi Denmaarki - tapha seenaa haaraan irratti hojjetama jedhamee eegamu

Ingilaandi tapha xumuraa Waancaa Awurooppaaf darbuuf har'a Deenmaarki waliin Wembileey irratti morkii taasifti. Yoo mo'atan erga bara 1966 kubba miilaa dhiiraan yeroo jalqabaaf xumuraaf darbuu isaaniiti.

Gareen Gaarez Saawuz Geet yoo deeggartoota 60,000 irra caalaan isaanii Ingilaandi deeggaran fuulduratti Denmaarki injifatan Dilbata dhufu waancaaf Itaalii waliin taphatu.

Miliyonotni ammoo mana isaanii, mana dhugaatii fi paarkiiwwan qophaa'an keessa taa'uun karaa foddaa TV, 'Three Lions' garee kubba miilaa biyyaalessaa Ingilaandi deeggaru. Tapha Yuukireen waliin godhanii 4 fi 0'n mo'atan namootni miliyoona 20.9 tahan karaa foddaa TV isaan deeggaraa fi ilaalaa turan.

''Akka yeroo tokko tokko yaadnutti seenaa kubbaa miilaa gaarii hin qabnu,'' jedhe Saawuz Geet. Taphattootni kunneen yeroo hundumaa gufuuwwan caccabsuun waan guddaa hojjechaa jiru.

''Waancaa Awurooppaa xumuraaf geenyee waan hin beekneef garee Ingilaandi jalqabaaf xumuraaf gahe tahuu dandeenya. Kun baay'ee nama gammachiisa.''

Uggura imalaa UK'n babal'ina koroonaavaayirasii ittisuuf keesse irraa kan ka'e deeggartootni Denmaarki garas imaluun Wembileey irratti garee isaanii jajjabeessuu hin danda'an.

Bakka kanaa tikkeettiin 6,000 tahu deeggartoota Denmaarki UK keessa jiraataniif qophaa'eera. Waldaan Kubba Miilaa Denmaarki uffata garee biyyaalessaa isaanii 1,000 tahuu fi meeshaalee halluu adii fi diimaa qaban deeggartoota Landan jiraniif ergeera.

Gareen Ingilaandi waancaa kana mo'atee hin beekne waggoota 55 booda xumuraaf gahuu barbaadu.

Dorgommii Waancaa Adunyaa shanii fi Waancaa Awurooppaa walakkaa xumuraa tokkoof gahanii ture. Garuu al-takkaa qofa darbuu danda'an.

Haa tahu malee gammachuun isaanii dabalaa jira. Abdiin jiru akka raawwatu eegamaa jira. Gareen Saawuz Geet erga Waancaa Adunyaa irratti 1966 xumuraaf gahanii yeroo jalqabaaf darbuu danda'u jedhamaa jiru.

Konkolaatawwanii fi manneetiin alaabaa Ingilaandiin miidhaganiiru.Manneetiin dhugaatii dabalataan daqiiqaa 45 banaa tahanii akka turan eeyyamameera. Kun hanga Dilbata dhufuutti yoo tahu hanga halkan sa'a 5:15 [23: 15] taha jechuudha.

Dursaan taphattootaa Haarii Keen taphatootni kana dhugoomsuuf haala gaarii iratti argamu jedhe. Karra eegaan Leester fi Denmaark kaasper Shimaayil ammoo abjuu gareen Ingilaandi mo'achuuf qabu jalaa fashaleessuu irratti gaafatamee, ''kana dura injifatanii manaa qabu turee?, Hin beeku. Mo'attanii beektuu?'' jedhee deebise.

''Karaa kanaa dhugaa isaa jedhe, dorgommii kana irratti waancaa mo'annee hin beeknu,'' kan jedhe Haarii Keen, yoo waan sirrii hojjenne bakkicha gahuu dandeenya jedhe.

Denmaarki tapha jalqabaa irratti Finlaandii fi Beeljiyeemiin mo'amanis erga taphataa cimaan isaanii Kiristiyaan eriksen dirree keessatti of wallaalee kufee hospitaala galee jalqabee garuu gahumsa gaarii agarsiisan.

Taphoota sadii walitti aansuun mo'achuun walakkaa xumuraaf gahuu isaaniiti. Itaaliin kaleessa Ispeeniin rukuttaa peenaaliitiidhaan injifachuun waancaaf darbite. Itaaliifi Ispeen taphicha qixa 1 fi 1'n daqiiqaa 90 achiis yeroo dabalataa daqiiqaa 30 xumuruun rukuttaa peenaaliititti deebi'an.

Taphataan Ispeen Alvaroo Mooraataan galchii wal qixxeesituu jijjiramee erga galee galchus rukuttaa peenaaliitii garuu ni dhabe.

Ingilaandii fi Denmaarki keessaa kan mo'atu Dilbata dhufu waancaaf Itaalii waliin falmatu.