Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaanaadaatti awwaalchi jumlaa namoota 200’tti dhiyaatan qabate argame
Kaanaadaatti ummata ganamaa lafichaa akka ta’an kan tilmaamame awwaalchi jumlaa namoota 182 qabate argamuunsaa dheekkamsa kaaseera.
Awwaalchi kun kan argame naannoo Biriitiish Kolombiyaa ganda mana barumsaa bultii durii birattidha.
Waldaan ummata duraanii Kaanaadaa akka jedhetti, awwaalchota argaman hunda keessaa kan jiran barattoota manneen barnootaa bultii keessa turanidha jechuuf yeroon hin geenye.
Ta’us awwaalchi kun awwaalchota kana dura argaman waliin seenaa walitti fidu qabaachuu mala jedhameera.
Awwaalchi kun argamuun isaa ayyaana biyyaalessaa Kaanaadaa Adoolessa tokko kabajamuuf jedhu gandoota tokko tokko keessatti akka haqamu taasisuu mala jedhameera.
Awwaalchonni jumlaa walitti aansuun argamuun isaanii akka biyyaatti dheekkamsa kaasee jira.
Qorannoon yoo itti fufu tarii awwaalchonni akkasii hedduun argamuu malus jedhameera.
Qorannoo taasifameen awwaalchi ammaa kun kan argame, mana barumsaa bultii bataskaana Kaatoliikii Seenti Yuujiin jedhamtuun bulaa ture birattidha.
Manni barumsaa kun bara 1912 banamee hanga 1970 kan turedha.
Guutuu Kaanaadaatti manneen barnootaa bultii 130 ol kan turan yoo ta’u, kaayyoon isaanii guddaan adaa, afaaniifi seenaa ummattoota duraan achi turanii malaan balleessuu ture.
Manneen barnootaa kunneen mootummaa Kaanaadaatiin kan deeggaramaniifi bataskaanota Kaatoliikiitiin kan bulan turani.
Daa’imman manneen barnootaa kunneen keessatti barachaa turanis maatii isaaniirraa humnaan butamuun akka seenan taasifamaa ture.
Bara 1963-1998 gidduu yeroo turetti, daa’imman kuma 150 ol ta’an humnaan butamanii manneen barnootaa kunneen keessatti akka baratan taasifameera.
Ji’a Caamsaa darbe keessa awwaalchi jumlaa haftee daa’imman 215 of keessaa qabu naannuma Biriitiish Kolombiyaa, Kaamluuppuus jedhamutti argamuun isaanii dheekkamsa kaasee akka ture niyaadatama.
Torbee darbe keessas awwaalchi haftee namoota 751 achi keessaa hedduun daa’imman ta’an qabu mana barumsaa bultii naannoo Kaaskaachiwaan jedhamutti ture keessatti argamee jira.
Awwaalchi jumlaa amma argame kun jela-bultii ayyaana biyyaalessaa Adooolessa tokko kabajamu irratti yoo tau, guyyaa naannoleen sadan kolonii Biriiteen jela turan guyyaa walitti dhufuun ‘Dominion of Canada’ itti uumaniin walirra bu’a.
MM biyyattii Jastiin Tiruudoo haasawa Roobii kaleessaa taasisaniin, ‘‘argannoowwan kunneen, badalaa ummattoota duraanii irratti seenaa keessatti ga’eefi ga’aa jiru akka ilaallu nutaasiseera,’’ jedhaniiru.