Waancaa Awurooppaa: Garee 16 keessaa darbuuf har'a Ingilaandii fi Jarman wal falmatu

Raheem Isterlingi, Gaarez Saawuzgeet, Kaay Haavertiz

Madda suuraa, Getty Images

Ingilaandi erga xumura Waancaa Adunyaa bara 1996 irratti wal arganii yeroo jalqabaaf Jarmaniin injifachuuf yaalii gooti.

Dhorkaa tikkeettii laaffannaan deeggartootni 40,000 tahan ni seenu jedhamee eegama. Nuusa xumuraaf darbuuf akkasuma Iswiidin fi Yuukireenis wal morkatu.

Gareen Ingilaandii fi Jarman keessaa kan mo'atu, walakkaa xumuraaf Iswidinii fi Yuukireen keessaa kan mo'atee darbu waliin kan taphatu taha.

'Three Lions' jedhamuun kan beekaman gareen biyyaalessaa Ingilaandi Waancaa Awurooppaa irratti sadarkaa kana kan darban al tokko qofa.

''Dhugumaan rikardii ajaa'ibaati,'' jedhe leenjisaan Ingilaandi Gaarez Saawuzgeet. Injifannoon sun Ispeen irratti yoo tahu bara 1996, inniyyuu rukuttaa peenaaliitiidhaani.

Garuu bara sanas walakkaa xumuraa keessatti Jarmaniin mo'amuun keessaa baate. Kun tapha tokkicha Ingilaandi dorgommii jabaa irratti biyya ishee irratti mo'amtedha.

Wanti nuyi waggoota arfan darban dubbataa turre, gareen ba'aa baroota darbanii kan baatee deemu akka hin taanedha,'' jedhe Saawuzgeet.

''Baay'een isaanii [taphattootni] yeroo wantootni kunneen raawwatan hin dhalanne waan taheef isaan waliin waan wal qabatu miti,'' jedhe.

Gara nuusa xumuraatti darbuuf kun carraa gaariidha. Garee muuxannoo guddaa qabu waliin taphannus, morkii mo'annee darbuuf eegaa jirrudha,'' jedhe.

Yoo Jarman mo'amte- taphoota torba darban Ingilaandi waliin taasisanii hin mo'amne waan taheef- leenjisaa Yowaakim Low'f tapha isaanii xumuraa tahuu isaati. Leenjisichi Hansi Filik leenjisaa duraanii Munikiin bakka buufamuuf jedhu waan taheef.

Ingilaandi Kirooshiyaa fi Cheek Rippubilik mo'achuun, Iskootilaandi waliin ammoo qixa bahuun garee D keessaa 1ffaa tahuun as geesse.

Jarman ammoo dorgommicha keessaa bahuuf yeroo daqiiqaan jaha hafu galchii Liyon Goorezkaan lakkoofsiseen, ramaddii Faransaay, Poorchugaalii fi Hangariin jiran keessaa 2ffaa taatee darbite.

Taphni kun Ingilaandiif dirree Weembilee irratti 300ffaa isaanii yoo tahu erga bara 2007 bifa haaraan banamee ammoo 77ffaa isaaniiti. Dirree kana irratti carraa mo'achuun gara Roomitti imaluu guddaa akka qabanis himama.

Xiinxalaan kubba miilaa BBC Maark Laawuroo taphichi 0 fi 0'n xumuramuun sa'a dabalataa irratti Ingilaandi rukuttaa peenaaliitiin darbiti jechuun tilmaame. Isinihoo maal jettu?

Shaampiyoonaan Waancaa Adunyaa Faransaay falmii dinqisiisaa Iswiizerlaandi waliin taasisuun rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'amtee waancaa kana keessaa baate.

Poorchugaaliifi Nezerlaandis akkasuma biyyoota jajjaboo dorgommicha keessaa bahanidha. Beeljiyeem, Xaaliyaanii fi Ispeen biyyoota taphattoota adunyaa irratti gahumsa guddaan beekaman hedduu qaban ammayyuu dorgommicha keessa jiranidha.

Xiinxaltootni kubba miilaa beekamoon akka gaarii neevil fa'aa garee biyyaalessaa Ingilaandiif yeroo kana caalaa haalli mijataan hin jiru. Dhalootni kun waancaa mo'achuuf humna guutuu qaba jedhan.

Gama biraan kubba miilaa dhiirotaan sadrkaa Fifa'n baasuun 1ffaa irra kan jirtu Beeljiyeem waancaa Awurooppaa kana mo'achuuf falmatti. Beeljiyeem guyyoota 1000 caalaniif adunyaa irraa 1ffaa jedhamuun turtus hanga ammaatti waancaa hin mo'anne.

Dhalootni ammaa kun waancaa harka hin galfatu taanaan, kana booda waan tahu miti jedhan xiinxaltootni.