Somaaliyaa, Naanoon Puuntilaand loltoota al-Shaabaab 21 du'aan adabe

Madda suuraa, AFP
Puuntilaandi bulchiinsa Somaaliyaa kan ofiin of bulchiitu keessatti miseensoota garee milishoota Islaamaa al-Shaabaab kan ta'an namoota 21 du'aan adabde.
Jarreen amma du'aan adabaman kunneenis mana murtii waraanaa Gaalkaayoo keessatti erga itti murtaa'een booda itti dhukaafamuun.
Raadiyoon motummaa akka gabaaseetti 18 isaanii waggaa kudhanii oliif ajjeechaa kan raawwataniifi haleellaa boombii raawwataa turaniidha.
Wayita namoonni duuti itti murtaa'ee kunneen ajjeefamanniittis gareen al-shaabaab kun magaalaa Somaaliyaa biraa keessatti haleellaa raawwachuun loltoota ajjeessuun gabaafameera.
Kanaan dursa addabbii du'aa walfakkaatuu mana murtiitii kutaawwan Somaaliyaa biraattis darbee ture.
Haata'u malee ajjeechaan amma raawwatame kunis bulchiinsa Puuntilaand keessatti addabbii du'aa miseesnoota al-Shaabaab baayyee irratti darbe isa jalqabaati jedhameera.
Aanga'oonni Puuntilaanda miseensoota al-Shaabaab ykn namoota garichi haleellaa akka raawwatuuf gargaaru seeratti akka dhiyyeessaniif dhaadataniiru.
Gulaalaan BBC Afriikaa Wiil Roos akka jedheetti, gareen Isalaamaa kun tasgabbii Somaaliyaatiif ammalleen balaa cimaa ta'aa jira.
Al-Shaabaab naannoolee kibbaa fi jiddugala biyyatti to'atee kan jiru yoo ta'u, qorannoon Onkolooleessa darbee Instituutii Hiraal jedhamuun maxxanfame tokko, milishoonnis motummaa caalaa maallaqa argataa jiru jedheera.
Adabbiin du'aa kun Dilbata osoo raawwatamaa jiruu, loltoonni al-Shaabaab ammoo bulchiinsa Mudug keessatti kan argamtu magaalaa Wisil irratti haleellaa raawwatan.
Haleellaan garee kanaan erga buufata waaraanaa irratti raawwatameen booda yoo xinnaate loltoonni 20 ajjeefamu gabaasaalee muraasni ni himu.













