Haleellaa hidhattoonni al-Shabaab Moqaadishootti raawwataniin lubbuun namaa darbe

Madda suuraa, EPA
Haleellaa hidhattoonni al-Shabaab magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishootti raawwataniin lubbuun namaa darbe.
Hoteela Moqaadishoo keessatti argamu tokko keessati hidhattoonni al-Shabaabiifi waardiyyoonni hoteelichaa walitti dhukasaa turuun beekameera.
Haleellaan Dilbata galgala hoteela Afrikaa jedhamu irratti raawwatame kan jalqabame konkolaataa tokko gubuutiin ture.
Haleellaa kana ammaa akka duuba jirullee al-Shabaab itti-gaafatamummaa fudhateera.
Hanga ammaatti miidhaan haleellaa kanaan qaqqabe hin mirkanoofne. Haata'u malee, AFPn haleellaa qaqqabe kanaan yoo xiqqaate namoonni sadii ajjeefamuu isaanii eeruun gabaaseera.
Al-Qa'eda waliin hidhata kan qabu gareen al-Shabaab mootummaa irratti haleellaawwan walfakkaatan irra deeddeebiin qaqqabsiisaa jira.
Akka aanga'aan tokko mirkaneessanitti, konkolaataarratti dursee dho'insi gaggeeffame. Isaan booda humnoonni hidhatan gara galma hoteelichaatti dhiyaachuudhaan dhukaasa banan.
Namni hoteela sana keessa ture ijaan arge tokko, "Yeroo dho'insi uumamu hoteelicha keessan ture. Akka malee keenyan hoteelichaa raase. Baayyee sodaannee, rifannees ture," jedhe ragaa Reutersf kenneen.
Aanga'aa ol-aanaa tikaa kan ta'an Obbo Mohaammad Daahir AFPf akka mirkaneessanitti, miseensa humna nageenyaa tokkoofi lammileen nagaa lama du'uun isaanii mirkanaa'eera. Haata'u malee, lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Hidhattoonni kunneen haleellaa kan qaqqabsiisan hoteela eegumsi guddaan taasifamuufi buufata xiyyaaraa guddichatti dhiyoottidha. Hoteelichi addatti bakka aanga'oonni Somaaliyaa itti walga'an ta'uu isaatiin beekama.
Miseensi poolisii tokko akka jedhanitti, yeroo haleellaan kun qaqqabetti miseensonni paarlaamaa lakkoofsaan heddu uta'an, akkasumas qondaaltonni waraanaa ol-aanoon hoteelicha keessa turan.
Akka suuraawwan miidiyaa hawaasaarra gadi dhiifaman agarsiisanitti, haleellichaan booda Moqaadishoon haara guddaatiin aguugamtee turte.
Haleellaan kun kan raawwatame pirezedaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp loltoota Ameerikaa humnoota nageenyaa Somaaliyaa al-Shabaabiif hidhatoota biroo lolaa jiran deeggaraa turan keessaa 700 kan ta'an akka ba'aniif erga ajajanii torbaniin boodadha.
Ji'a itti aanutti filannoo gaggeeffachuudhaaf qophiirra kan jirtu Somaaliyaan, loltoonni Ameerikaa ba'uun tarii tasgabbii dhabiinsa uumuu mala yaaddoo jedhu hedduu biratti uumeera.













