Giriikitti lubni mana amantaa Ortodoksii luboota kaanitti asiidii naqe to'atame

Madda suuraa, Rooyitars
Giriik Ateensitti lubni asiidii qeesota bataskanaa Ortodoksii torbatti darbate hidhamuu poolisiin hime.
Haleellaan sun kan qaqqabe Roobii waaree booda wayita ta’u, himannaa namuusaan walqabatu luba umriin ganna 36 irratti dhiyaate kanarratti mariyatamaa ture jedhe poolisiin.
Haleellaa sana hordofuun qeesonni sadii gubaatii fuulasaanirra gaheef hospitaalatti wal’aanamaa jiru.
Poolisiin qeesota miiidhaman gargaaruuf garasaanitti fiigee ture tokkos hospitaala geeffameera.
Lubichi haleellaa qaqqabsiisuun shakkame kun bataskaanaa kan dhorkamuuf ka’ame yoo ta’u, qoricha sammuu namaa adoochu daddabarsuu keessatti hirmaachuun shakkame jedhe ejensiin oduu ‘ANA’ jedhamu.
Qeesonni walgahanii kan turan lubummaasaa irraa mulquuf wayita ta’u, kunis erga bara 2018 kookeenii giraamii 1.8 qabatee argamuun shakkamee booda ta’uu miidiyaan biyyattii himeera.
Lubichi dhangala’aa nama miidhuu danda’u ’'qaruuraa guddaan’’ qabatee mariii gadaamii Peetiraakii jedhamu irratti argamuusaa gaazexaan Ta Niya jedhamu gabaaseera.
Waardiyyaan tokko lubicha balbala gadaamicharratti qabuuf yaales gubatee hospitaala geeffame.
Ministirri Fayyaa biyyattii Vassilis Kikiliyaas, namoota haleellaa asiidiitiin miidhaman hospitaalatti ilaaluun booda, miidhamaan tokko wal’aansi baqaqsanii yaaluu pilaastikaa akka taasifamuuf himaniiru.
Pirezidantiin Giriik Katerina Sakellaropulus halleellaa qaqqabe sana balaaleeffataniiru.
Ministirri Muummee biyyattii Kiriyakoos Mitsotakis, Phaaphaasii bataskaanaa Ateensi wajjin akka dhimmicharratti haasa’anis himaniiru.
Mitsotakis ’’hedduun gadde, namoonni miidhaman dafanii akka bayyanataniif biyyattiin gargaarsa wal’aansaa ni taasifti,’’ jedhan.














