Filannoo Itoophiyaa 2021: Bu'aan filannoo sadarkaa naannoo filannootti Roobiifi Kamisa ibsama

Namoota sagalee ilaalaa jira Jimma

Filannoon Itoophiyaa Wiixata 21, 2021 gaggeeffame sadarkaa buufata filannoo naannootti Roobii fi Kamisaa akka ibsamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Buufataalee filannoo lakkoofsi sagalee xumurame Kibxata ganamaa eegalee bu'aan isaa ibsamaa ture.

Bu'aan sagalee buufataalee filannoo irraa gara naannoo filannootti erga ergamanii booda, Roobii har'aa fi Kamisa boruu naannoon filannoo bu'aa isaanii ifa godhu jedhan boordichatti gorsituun dhimma komunikeeshinii Sooliyaanaa Shimallis.

Bu'aan filannoo naannolee ammoo guutummaa biyyaa irraa gara gidduu galeessaatti galuun erga qorannoo barbaachisaan godhamee booda, boordichi bu'aa waliigalaa isaa nan ibsa jedhe.

Sooliyaanaan roggeeyyoonni baay'een bu'aa filannoo buufata filannoo tokko irraa argame qofa bu'uura godhachuun, 'naannoo filannoo kanatti kan mo'ate abaludha' jechuun yeroo labsan argineerra jedhan.

Bu'aa filannoo ifoomsu kan danda'u garuu Boordii Filannoo qofa ta'uu kan beeksisan Aadde Sooliyaanaan, qaamni biraa kan gochuun ''fudhatama kan hin qabne fi yakkas'' jedhan.

Hanga ammaatti waliigalatti namoota meeqatu sagalee kennuuf akka bahe ilaalchise lakkoofsaan akka hin qabne eeruun, namoonni hedduun sagalee kennuusaanii hubachuu dubbatan.

Aadde Sooliyaanaan ''baadiyyaattis ta'e magaalaatti namoonni hedduun sagalee kennuuf bahaniiru, kun hedduu gammachiisaadha'' jedhan.

Filannoo Waxabajjii 21, 2021 harka caalaa kutaalee biyyaatti keessatti filatame Kibxata ganamarraa kaasee sadarkaa buufataalee filannootti ibsamaa kan turan yoo ta'u, bu'aan filannoo iddoowwan hedduu barameera.

Kanaan ala iddoowwan garaa garaatti sababii sagalee kennuun gufachuu hordofee, iddoowwan Wiixata ganama sagaleen itti hin kennamnetti Kibxata sagaleen kennamaa ooleera.

Kana malees lammiin Ameerikaa kan erga dhimma filannoon walqabateef Itoophiyaa seenaniin booda, kutaa hoteelaa qabatanii keessatti du'anii argaman tokkos Boordichi poolisiirraa dhaga'u ibsan.

''Namtichi kutaa hoteelaa qabatan keessatti lubbuun darbuu dhageenye, Kutaa isaanii keessatti kufanii argaman. Taateen kunis nama gaddisiisa'' erga jedhanii booda, haalli du'a nama kanaa garuu filannoo wajjiin hariiroo hin qabu jedhan.

Namtichi taajjabaa idil-addunyaa akka hin taane ibsuun, akka keessummaatti Boordii Filannoorraa baajii fudhate akka ture ibsan.

''Nama hojii taajjabuu hojjataa turan miti, baajii keessummootaaf kennamu fudhatan. Giddugaleessa Kaartar irraa namni taajjabuuf dhufe hinjiru'' jedhan.

Filannoon bara darbe filatamuuf karoorfamee sababii weerara koronaavaayirasiin bara kanatti dabarfame marsaa marsaa jalqabaa Waxabajjii 21, 2021 gaggeeffameer.

Filannoo marsaa lammaffaan ammoo naannolee Somaaleefi Hararii, akkasuma iddoowwan biroo muraasatti ji'a lama booda Fulbaan 06, 2021 akka gaggeefffamu boordiin filannoo himunsaa ni yaadatama.