Gosti Daayinoosaraa haaraan guddichi Awustiraaliyaatti argame

Saayintistoonni Awustiraaliyaa sanyiin Daayinoosarii bara 2007 keessa qorannoon bira gahan kanneen ardii sana irratti mul'atan jedhaman keessaa isa baayyee guddaadha jedhan.

Daayinoosariina Zee Awustiraalooshiyaan Kupperneesiis yookaan ammoo Zee Saawuzarn Taayitaan jedhamu akaakuuwwan Daayinaaseroota gurduguddoo 15 addunyaarratti argamaniiru jedhaman keessaa isa tokkodha.

Qorattoonni kunneen Daayinoosariin kun dheerina dalgaa meetira 30, hojjaan ammoo meetira 6.5 akka dheeratu himan.

Kana jechuun guddinni Daayinoosarii kanaa lafa IM195 ykn tilmaamaan hanga dirree kubbaa kachoo tokko gaha jechuudha.

Lafeen Daayinoosarii kanaa jalqaba kan argame Kibba-lixa Kiwiinsilaand keessa oyiruu qonnaa tokko keessattidha.

Qorattoonni haftee lafee durii waggoota 10 darban keessa sanyii Daayinoosarii kana adda baafachuudhaaf dhama'aa turaniiru. Kaayyoon isaanii Daayinoosariin kun kanneen kaanirraa akkamiin adda ta'a kan jedhu adda baasuuf ture.

Saayintistonni kunneen lafee Daayinoosarii kana raajii kaasuun dheerina hojjaa isaafi dalga isaa safaruun sanyii akkamiirraa dhufe jechuun qorachaa turaniiru.

Daayinoosariin guddichi kun baala soorata ture. Akkuma Daayinoosaroota kanneen biroo guddinni isaa hedduu ajaa'ibsiisaadha jedhameera.

Sanyiin Daayinoosaroota kanneenii qaama isaanii bakka biroo waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu mataan isaanii xiqqaa yoo ta'u, mormi isaanii ammoo dheeraadha. Eegeen isaaniis baayyee lafarra dheeraadha. Miilli akaakuu Daayinoosaroota kanaa ammoo fufurdaadha.

Saayintistoonni Daayinoosaroonni kunneen ardii Awustiraaliyaarra 'Kiretaasewoos Peered' waggoota miliyoona 96 dura jiraataa kan turanidha jedhu.

Gareen qorattoota kun Daayinoosarii kanaaf maqaa masoo Kuupper jedhu moggaasaniiruuf. Kunis bakka Kuupper Kiriik jedhamutti argamuu isaa hordofeeti.

Saayintistoonni gosa Daayinoosara kanaa adda baasuudhaaf kan waggoota itti fudhateef bakka lafeen isaa itti argame fagoo ta'uu isaarraan kan ka'e of eeggannoo waan barbaachisuuf ture.

Haata'u malee, lafeen Daayinoosara kanaa akka umurii isaatti kan hin boossosne akka ta'e dubbatu qorattoonni Goodambaa Kiwiinsilaandiifi Godanbaan Seenaa Uumamaa Eromaangaa.

Lafeen Daayinoosarichaa yeroo jalqabaatiif kan argame bara 2007 Iroomaangaa bakka jedhamu oyiruu qonnaa maatii tokko keessatti ture jedhameera.

Mootummaan naannoo Kiwiinsilaand argannoo lafee Daayinoosarii guddaa kana qorannoo Daayinoosara irratti taasifamuuf gumaachaa gaarii qabaata jedhaniiru.

"Awustiraaliyaan lafa barbaachiifi qorannoon Daayinoosarii itti gaggeeffaman keessaa tokko yoo taatu, Kiwiinsilaand ammoo keessumaa magaalaa argame lafee durii qorannoof hedduu gargaaran ta'aa jirti" jedhan hoji-gaggeessaan Godambaa Kiwiinsilaan Dr. Jiim Toompsan.