'Haati kumaatamootaa' Dr kabajaa Abbabach Goobanaa maalirra jiru?

Abbabach Goobanaa ijoolleessaanii wajjin

Madda suuraa, AGOHELMA

'Haadha Tereezaa Afrikaati' jedhamuun kan beekamaniifi Itoophiyaatti hojii tola ooltummaa hojjetaniin maqaa guddaa kan horatan Dr kabajaa Abbabach Goobanaa Covid-19n qabamuun yaaliirra jiru.

Miidiyaalee hawaasaa dabalatee miidiyaalee biyya keessaan haati kun lubbuun darbuu himamaa kan ture tahus, BBCn Abbabach Goobanaa Hospitaala Phaawulositti kutaa wal'aansa addaatti yaalamaa akka jiran odeeffateera.

Dhaabbanni isaan barkurnee sadiin dura hundeessan AGOHELMA fuula Facebook gubbaatti akka barreessetti, haadha kumaatamootaa jedhamuun kan beekaman tola ooltuun kun, yaaliirra jiraachuufi fooyy'aa akka jiranis ibsan.

''Haati keenya Dr Kabajaa Abbabach Goobanaa yaalamaa jiru. [Jimaata] amma gara ganamaa kana nyaata xiqqoo fudhataniiru.''

Dhaabbanni miti-mootummaa kun jarjarsuun namni odeeffannoo hin mirkanoofne akka hin qoodnes gaafateera: ''Haa kadhannuuf malee, arifachuu haa dhiisnu!''

Hoogganaan komunikeeshinii waldichaa Yitbaarak Takkaaliny BBCtti akka himetti, hospitaalatti yaalamaa jiraachuun mirkana jedhee, haalli ganama kana keessa jiranis fooyyee qabaachuu himeera.

line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Haadha miiliyoonotaa Dr Abbabach Goobanaa

Dr Kabajaa Abbabach Goobanaa eenyu?

Abbabach Goobanaa Godina Shawaa Kaabaa naannoo Salaalee bakka Shabal jedhamtutti bara ALA 1935 kan dhalatan oggaa tahu, abbaan isaanii waraana yeroo Xaaliyaaniin ajjeefamuu himama.

Akka seenaan jireenyaasaanii agarsiisutti maatiin ijoollummaasaanii ganna 10tti fedhii malee erga heerumsiisanii booda, gaa'ela dhiisuun gara magaalaa Finfinneetti baqatan.

Haati ijoolleesaanii hedduun maqaa masoo 'Iddaayyee' jedhamuun waamaman kun, hojiin har'a akkaan maqaa itti horatan kun kan madde amantaa isaaniirraati jedhama.

ALA baroota 1980'ta keessa biyya Itoophiyaatti hongeen hammaatee, keessattuu naannoo Wallootti wayita namni hedduun beelaan wayita dhumaa turetti, haati kun bataskaana Gishan Maariyaam jedhamutti kadhannaaf imalan.

Abbabach Goobanaa ijoolleessaanii wajjin

Madda suuraa, AGOHELMA

Wayita achii deebi'anittis daa'ima haalaan miidhamteefi haadha duute cinaa turte arguun bira darbuu hin dandeenye - kaasanii dhoksaan baatanii gara manaa fidan.

Boodarras daa'ima tokko biraa itti ida'uun, maatiin Abbabach akkasiin guddachuun, waggaa tokko keessa daa'imman 21 gahan.

Hojiin akkasiin eegalame kun barkurnee afuriif itti fufuun, daa'immaniifi qaamolee hawaasaa saaxilamoodha jedhaman kumaatama hedduuf qarqaarsa gochuu AGOHELMA'n ni ibsa.

Dhaabni isaan wayita sanatti hundeessan Itoophiyaa keessatti bakka dahoo/guddifachaa daa'imman abbaafi haadha hinqabnee ykn yatiima isaan jalqabaa keessaati jedhama.

Hojii tola oltummaa isaanii kanaaf Abbabach Goobanaa Yunivarsiitii Jimmaarraa doktireetii kabajaa kan argatan oggaa tahu, waggoota keessatti badhaasota hedduus biyya keessaafi alaarraa argataniiru.

Abbabach Goobanaa bara ijoollummaasaanii

Madda suuraa, AGOHELMA

Wayita Dr kabajaa kennuuf Yunivarsiitiin Jimmaa ''Abbabach Goobanaa ijoollee ofiisaanii dahan qabaachuu haa baataniyyuu malee, maatii kumaatamatti lakkaa'amu qabu,'' jedheera.

Waggoota 40 dura daa'imman muraasa hongeen miidhaman gargaaruun hojii kan eegale waldaan kun, waajira muummeesaa Finfinneetti argamu dabalatee iddoowwan garagaraatti hojii qarqaarsaa hojjeta.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees dhiyeenya kana Hospitaala Wal'aansa Dubartootaafi Daa'immanii maqaasaaniitiin moggaasefi tajaajila gosa garagaraa kennu eebbisiiseera.