Beeljiyeemii: Ambaasaaddarri haati warraa hojjettuu kabalte aangoorraa kaafaman

Haatiwarraa ambaasaadara Beeljiiyeem hojjattuu suuqii tokko kaballaan rukutusheetiif ambaasaadarichi aangoorraa kafaman.

Piitar Laskohiir Koriyaa Kibbaatti Ambaasaaddara Beeljiyeem turan. Haati warraa isaanii Zsiingi Zsiiku Si'ool keessatti hojjattuu suuqii tokko wayita kabaltu viidiyoon qodame.

Dubartiin haadha warraa ambaasaaddaraan kabalamte kunis suuqii keessa kan hojjattu turte.

Uffannii haati warraa ambaasaaddarichaa suuqii keessatti dhiifte kan ishee haata'u ykn kan hatame haata'u atakaroo kaasee ture.

Ministeerri Haajaa Alaa Beeljiyeem akka jedhetti, haatiwarraa ambaasaadarichaa boodarra hojjattuu sana dhiifama gaaffattee jirti.

Haata'u malee, ambaasaadarichi aangoo isaanii irraa akka ka'aniif murtaa'uu Ministirri Haajaa Alaa biyyattii Soofii Wiilimsi dubbataniiru.

Ambaasaaddarichi aangoorra kan turan waggoota sadiif ture.

Ibsa Imbaasichi fuula Feesbuukii isaarratti baaseen, ''Ambaasaaddarichi hanga har'aatti kutannoon biyyasaanii tajaajilaniiru. Taateen dhiheenya uumame garuu kanaan booda nu waliin akka itti hin fufne isaan taasiseera,'' jedheera.

Ambaasaaddarichi baatii darbe keessa, ''naamusa haadha warraakoo ta'uu hin qabaanneef dhiifaman gaafadha,'' jedhanii ture.

Erga haati warraasaa hojjettuu sana kaballaan dhoofteen booda himannaan akka irratti hin banamneef eegumsa dippilomaatummaatti fayyadamte turte.

Haata'u malee, Beeljiyeem eegumsa sana kaasuun amma poolisiin Kooriyaa Kibbaa dhimmicha qorachuu ni danda'a jettee jirti.

Hojjettittiinis kaballaan kan rukutamne baatii darbe keessa ture.

Haatiwarraa ambaasaaddarichaa kan umuriin waggaa 63 sa'aatii tokko yeroo ta'uuf erga uffata ofitti safarachuun ilaalaa turteen booda wayita suuqichaa baatuutti ture ufanni uffattee baate kan ishee ta'u mirkaneeffachuuf hojattuun kan hordofte baate kan turte.

Hojjattoonis uffatichi osoo kanfaltiin hin raawwatamiin kan suqiichaa fudhatame ta'uu mala jedhanii shakkanii ture.

Haatiwarraa ambaasaaddarichi hojjettuun tokko gara suuqichaatti wayita hordoftu ofiirraa ittisuu yaallaan wayita kaballaan dhoftu mul'ata. Kunis kaameeraa nageenyaatiin waraabame.

Haati warraa ambaasaaddarichi kana dura sababii dhiibbaa dhiigaatiin hospitaala seente turte. Taatee suuqii keessatti uumameen boodas poolisiin gaaffii dhiyeesseef ture.