Gujii Lixaa: Qondaala nageenyaa Aanaa Galaanaa dabalatee namoonni torba hidhattootaan ajjeefaman, torba madaa'an

Godina Gujii Lixaa

Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti Itti gaafatamaa nageenyaa aanaa dabalatee namoonni torba hidhattootaan ajjeefamuufi torba biroo immoo madaa'uu qondaalli aanichaa BBC'tti himan.

Ajjeechaan kuni Gaafa Sambataa A.L.I Caamsaa 14 bara 2013 waaree booda naannoo sa'aatii 11:00'tti raawwatuu Hogganaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Galaanaa Obbo Gabayyoo Yaadatee BBC’tti himaniiru.

Owwaalchi namoota ajjeefaman kunneenis gaafa Dilbataa akka raawwate BBC'n odeeffateera.

Aanaafi bakkeewwan aanaa kana daangeessanitti ajjeechaan irra deddeebbiin raawwataa jira.

Baatiidhuma Bitootessa darbe daangaa aanaalee Galaanaafi Amaarootti dhukaasa namoota walgahiif walitti qabaman irratti banameen namootni torba yemmuu ajjeefaman jaha immoo madaa'aniiru.

Haleellaa yeroosiifis ta'e kanaaf qondaaltonni hidhattoota ABO keessaa bahuun sosso'an kan mootummaan 'Shanee' jedhee waamuufi isaan immoo 'Waraana Bilisummaa Oromoo' jedhanii of waaman himate.

Paarlaamaan Itoophiyaa torban muraasa dura garee kanaafi TPLF galmee shororkeessummaatti galmesseera.

Gareen kun torban darbe Wallagga Lixaatti Itti gaafatamaa I/Aanaa duraanii Bulchinsaafi Nageenya Godina Wallagga Lixaafi namoota afur biroo ajjeesuu qondaaltonni himaniiru.

Aanaa Galaanaatti maaltu ta'e?

Akka qondaalli aanichaa BBC'n dubbise jedhanitti gareen ittigaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa aanichaa Obbo Jaarsoo Bakkaaloon durfamu daawwannaa hojiitiif gara ganda Boorree jedhamutti adeemaa ture.

Haa ta'u malee, bakka Calbeessaa Shoroo jedhamutti haleellaan kuni raawwatame.

Haleellaa kanaanis namootni torba hidhattootaan yoo ajjeefaman garee hidhattootaa keessaa ammo namoonni lama ajjeefamuu himan.

“Milishaa lama, humna addaa Oromiyaa nama sadii, ittigaafatamaa bulchiinsaa fi nageenya aanaa fi ogeessi waajjirichaa tokko walumatti nama torbatu ajjeefame.

''Konkolaachistoonnii fi namoonni biroo torba ammo miidhaan irra gahee Hospitaala Diillaatti yaalamaa jiru” jedhan.

Haleellaan kuni kan raawwatame hidhattoosha ‘Shaneetiini’ kan jedhan Obbo Gabayyoon, ragaan kan agarsiisus hidhattoonni lama ajjeefaman hidhattoota ‘Shanee’ ta’uu isaanii mul’ise jedhan.

Obbo Jaarsoo Bakkaaloon Itti gaafatamaa Bulchinsaafi Nageenya Aanaa Galaanaa turan
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Jaarsoo Bakkaaloon Itti gaafatamaa Bulchinsaafi Nageenya Aanaa Galaanaa turan

Hidhattoota ajjeefaman lamaaniin alatti namni biraa too’atame akka hin jirree fi hojii adamsuu itti fufee jiraachuu eeran.

Gujii Lixaa aanaa Galanaatti hidhattoonni gandoota aanichaa daangaarra jiran keessa akka socho’anii fi yeroo adda addaati caasaa nageenyaa fi milishaa gandaa irratti ajjeechaan akka raawwatamaa tures himan.

Akka gabaasa mootummaatti baatilee saddeet darban qofa Lixaafi Kibba Oromiyaatti hidhattoonni qondaaltota mootummaa 18 ol ajjeesaniiru.

Ajjeechaa dhihoo mudatan osoo hin dabalatiin baatiilee saddeet darban poolisoonni 112 fi milishoonni 57 hidhattootaan ajjeefamuu Abbaan Alangee Federaalaa ibseera.

Yeroo garaagaraatti mootummaafi ummatni ajjeechaan hidhattootaan raawwatamuu ibsanis ajajoonni hidhattoota kanaa garii badii kana hin raawwanne jechuun waakkatu.

Dhihoo garuu yeroo jalqabaaf lammiilee Chaayinaa ugguranii gadhiisuu ibsanii turan. Mootummaan garuu wanti akkanaa hin raawwanne jechuun hima.