Qondaala godinaa dabalatee namoonni shan Wallagga Lixaatti ajjeefamuu mootummaan hime

Madda suuraa, Kiltu kara communication
Qondaalli nageenyaa duraanii Godina Wallagga Lixaa Obbo Waaqgaarii Qajeelaa dabalatee namoonni shan hidhattootaan ajjeefamuu mootummaan hime.
Ajjeechaan kunis kan raawwate gaafa Sambata xiqqaa qondaalli godinaa kun namoota waliin ajjeefaman faana Aanaa Qondaalarraa gara Mandii adeemaa osoo jiranii ta'u Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa BBC'tti himaniiru.
Yeroon ajjeechaan kun itti raawwatames gaama keessa wayita hojiif sosso'aa turaniitti jedhaniiru.
Ajjeechaa kanas hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan of jedhanii waamaniifi qaama mootummaan 'Shanee' jechuun kan dhiheenya kana galmee shororkeessitootaa keessa galcheen raawwachuu BBC'tti himan.
''Konkolaachisaa isaanii wajjiin turan. Aanaa lamarraa waliin dhufaa turan. Dhukaasni kan baname konkolaataa isaaniifi kan biraa irratti,'' jechuun himan.
Isaan waliin milishaan lamaafi miseensi humna addaa poolisii Oromiyaa tokko eegumsa gochaaf tures ajjeefamuullee BBC'tti himan.
Awwaalchi Obbo Waaqgaarii guyyaa kaleessaa bakka Maatii fi firoonni isaanii argamanitti Waldaa Qulqulleettii Maariyaamii Qilxuu Kaarraatti raawwachuu bulchiinsi magaalichaa himeera.
Ajjeechaa kanaan booda namni to'atame akka hinjirreefi ergasii tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himan.
Bakki ajjeechaan raawwate Naannoo Benishaangulitti daangessa kan jedhan qondaalli kun, ''humni naannoo sana sakattaa'aa jiras'' jedhan.
Obbo Waaqgaariin eenyu?
Obbo Waaqgaariin kana dura Itti gaafatamaa itti aanaa nageenyaa Godina Wallagga Lixaa ta'un hojjetaaa turan. Isa dura ammoo bulchaa aanaafi kantiibaa magaalaarree ta'un hojjetaniiru.
Waggaa tokko dura eegalee immoo Hoogganaa abbaa taayitaa daandii godinaa ta'un hojjechaa akka turan Obbo Eliyaas BBC'tti himaniiru.
''Obbo Waaqgaariin gaggeessaa cimaa amalaan, tattaaffi hojiin taanaan, nama kabajamaa, ummata biratti fudhatama guddaa qabu,'' jechuun isaan ibsu bulchaan godinaa.
Obbo Waaqgaariin abbaa ijoollee afur yo ta'an yunivarsiitii Wallaggaatti digirii lammaffaa isaanii baratanii eebbaaf gahuullee himan.
Kana dura irra deddeebiin qondaaltonni mootummaa gama Lixa Oromiyaa ajjeefamaa turaniiru.
Waggaa baranaa keessa qofa baatiiwwan saddeet darbanitti qondaaltonni mootummaa 18, poolisoonni 112 fi milishoonni 57 ajjeefamuu Abbaan Alangee federaalaa torban darbe ibseera.













