'Bara 2013 keessa qofa Shaneen poolisoota 112 ajjeeseera' - Abbaa Alangaa Waliigalaa

Madda suuraa, Attoreny General
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Ebla 28 bara 2013 Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay ABUT/TPLF fi 'Shanee' shororkeessitoota jechuun moggaasunsaa ni yaadatama.
Dhimma kanaan walqabatee Wiixata miidiyaalef ibsa kan laatan itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, dhaabni tokko shororkeessaadha jedhamee kan labsamu uummata yakkarraa ittisuufi qaamolee seera kabachiisanif humna dabalataa kennuuf akka ta'e dubbatan.
"Itti gaafatamni mootummaa inni ijoon nagaafi tasgabbii uummataa eegsisuu ta'uu isaatin namoota gochalee shororkaa raawwatan himachaa turre. Dhaabni shororkeessaadha jedhame jiraachuu baatullee namoota gochaa shororkaa raawwachusaanii mirkaneessine shororkeessummaan himachaa turre" jedhan.
Akkaataa labsii yakka shororkaa ittisuufi to'achuuf bahe lakk. 1176/2012ti dhaabni yookin gareen tokko gochaa shororkaa kaayyoosaa godhatee kan socho'u yoo ta'e yookin qaamni olaanaa dhaabichaa gochaa shororkaa kan fudhate yookin kan hooggane yoo ta'e; akkasumas immoo shororkaan gochaa miseensoota dhaaba sanaa harka caalmaa yoo ta'e dhaabni tokko shororkeessaa jedhamuu akka danda'u Obbo Fiqaadun himu.
Ulaagaalee kunneen keessaa tokko qofti yoo guuttame dhaaba tokko shororkeessaa jedhanii labsuuf gahaa akka ta'es himaniiru.
ABUT fi 'Shanee' maalif shorrkeessitoota jedhaman?
Jijjirama bara 2010 booda "hooggansi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay muraasni jijjiramni dhufe faayidaa keenya kan nu dhabsiisudha jechuun qaama jijjiiramaa fonqolcha mootummaan jijjiiruf ka'e" jedhan Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa.
Fonqolcha mootummaa yaadan raawwachuufis hooggansi ABUT waggoota lamaan darbanitti sochiilee garaagaraa taasisaa turuu kan himan Obbo Fiqaaduun, leenjiiwwan waraanaa gurguddaa kennaa turuufi humna waraanaa ijaaraa turuu himan.
Haleellaan Raayyaa Ittisaa Izzii Kaabaa irratti raawwatamefi halellaan Maayikaadraa ulaagaalee gochaa shororkaa kan guutan ta'uu dubbatu.
ABUT walitti bu'iinsawwan naannolee biyyattii garaagaraatti uumamaa turanis maallaqafi meeshaa waraanaan deeggaraa akka ture dubbatan.
Gama biraatin gareen mootummaan 'Shanee' jedhuun waamu, Waraanni Bilisummaa Oromoo bara 2011 irraa eegalee godinaalee naannoo Oromiyaa keessatti caasaa mootummaa diiguuf socho'aa turuu Obbo Fiqaaduu Tsaggaa himan.
"Caasaa mootummaa diiguuf adda durummaan aangawoota godinaa, aanaafi naannoo irratti xiyyeeffachuun socho'aa ture.
Magaalaa keessas garee ajjeesaa Abbaa Torbee jedhamu ijaaruun hojjechaa kan tureefi lubbuun namoota qulqulluu hedduu akka darbuuf sababa kan ta'edha," jedhan.
'Shaneen' bara 2013 keessa qofa poolisoota 112, milishoota 57 akkasumas aangawoota mootummaa sadarkaa garaagaraarra turan 18 ajjeesuusaa himan.
"Dabalataan manneen jireenyaa 160, konkolaataawwan 44 fi waajjiraalee mootummaa 84 gubeera," jedhan.

Yaaddoo dhiittaa mirga namoomaa…
Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf sababa labsii farra shororkaan lammiilee hedduu irratti dhiittaan mirgoota namoomaa raawwatamaa tureera.
Kana malees namoota ilaalcha siyaasaa faallaa qaban callisiisuufis labsiin farra shororkaa faayidaarra oolaa akka ture himama.
Shororkeessummaan labsamuu ABUT fi 'Shaneen' walqabatees namootni yaaddoo dhiittaa mirga namoomaa qaban himaa jiru.
Namni gareelee shororkeessitoota jedhaman lamaan ABUT fi 'Shaneef' deeggarsa taasise akka gaafatamu mootummaan kan hime yemmuu ta'u, deeggarsi akkamiin ibsama kan jedhurratti garuu wanti bal'inaan beekkamu jiru.
Akka fakkeenyaatti gareen mootummaan 'Shanee' jechuun waamufi dhaabni siyaasaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaan galmaa'e ABOn alaabaa gosa tokko yeroo fayyadaman ni mul'ata.
Dhimma kana kan gaafataman Itti aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, "alaabaan asxaan ABO fi 'Shaneen' itti fayyadaman tokko ta'uu isaatin qofa namootni hin gaaftaaman.
Seerichi 'ta'e jedhanii beekaa kan deeggaran' jedha. Kanaaf qaama shororkeesummaan labsame kan deeggaran ta'uu hubachiisuu danda'uu qabna," jedhan.
Lola naannoo Tigraayifi yakka dirqisiisanii gudeeduu
Dhimmi Itti aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa miidiyaaleef ibsa itti laatan inni biraan, yakka dirqisiisanii gudeeduu naannoo Tigraay keessatti raawwatameera jedhamedha.
Lola naannoo Tigraay jiruun walqabatee yakki dirqisiisanii gudeeduu humnootii Mootummaa Itoophiyaafi Eertiraatin bal'inaan raawwatamuu quuqamtootnifi dhaabbileen mirgoota namoomaa himaa turuun isaanii ni yaadatama.
Dhimmi kun poolisii naannoo Tigraay fi Poolisii Federaalaan qoratamaa jiraachuu kan himan Itti aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, hanga ammaatti dubartootni 116 poolisiif jecha kennuu isaanii himan.
Yakka dirqisiisanii gudeeduu kanaan walqabatee "miseensootni Raayyaa Ittisaafi Poolisii Federaalaa muraasni qabamaniiru" jedhan.
Dhimmi humnootii mootummaa yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwatan kunneenis seeraan ilaalamaa akka jiru himanillee lakkoofsaan meeqa akka ta'an garuu hin dubbanne.
Gama biraatin yakki dirqisiisanii gudeeduu dhoksaan kan raawwatamu ta'uu isaatin qabatamaan ebalutu raawwate jechuuf rakkisaa akka ta'e kan himan Obbo Fiqaadun, "miseensootni Raayyaa Ittisaa fi Poolisii Federaalaa amala badaa qaban muraasni'' yakka kanarratti hirmaachunsaanii ragaadhaan mirkanaa'uusaa himaniiru.














