Dubartoota wal'aansa harma guddifachuun booda dhukkubsataniif beenyaan murtaa'e

Manni murtii Firaans dubartoonni 2500 wal'aansa harma guddifachuuf argatan dhaabbata PIP gowwomfaman beenyaa akka argatan murtesseefi.
Dhimmi Paariisitti ilaalamaa jiru kuni dubartoota Biriiteen 540 dabalata, isaaniis fayyaa keenya irratti dhiibbaa fideera jedhan.
Dhaabbanni Jarmanii TUV Rheinland wal’aansa akka malee taasifameef mirkana kennaa tures himatamaa jira. Dhimmi kuni waggaa 10 har’aa ture ifatti kan bahe.
Fayyadamtoota wal’aansa kanaa kumaatamaan lakka’aman irratti dhiibbaa yeroo dheeraa uumeera.
Jaan Ispiiveey dubartoota sababa kaansariin harmi jalaa muramnaan harma tolfatan keessaati.
Erga wal’aansicha fudhatteen booda, buusaa, qoma fi dugda isheerra dhukkubbiin itti dhagahamuu jalqabe. Kana malees dadhabbii akka malee, mata bowwaafi dhiphinnis mallattoowwan argite keessaa dha.
Waan harma bakka bu’uun qaamashee keessa kaa’ame yeroo wal’aansaa irraa kaafamu makaan siliikoon jedhamu gara qaamasheetti dhangala'aa ture.
Wal’aansi harma guddifannaa kuni dhiibbaa olaanaa sammuusheerratti akka fides dubbatti.
‘’Wal’aansi waggaa 20 har’aa taasifadhe jireenya koo irratti har’allee dhiibbaa taasisaa jira,’’ jetteetti. ‘’Waggaa 20 darbeef guyyaa guyyaattin aara ture. Aarii fi abdii kutannaa kanarraa gargar bahuun qaba,’’ jetti.
Siilkanii qulqullina hin qabne
Bara 2001-2010tti wanti harma keessa kaa’amu qulqullina hin qabne dhaabbata Firaans Poly Implant Proothese jedhamuun oomishamaa ture.
Dhaabbatichi bara 2010tti kan cufame yoo tahu waan bakka harmaa kaa’amu keessa siilkanii dhala namaaf akka tahutti hin qophoofne tahuun gaafa mirkanaa’u hundeessaan dhaabbatichaas boodarra hidhaa umrii guutuun adabameera.
Dubartoonni 400,000 tahan akka addunyaatti wal’aansa seeraan alaan harma guddifatu.
Biyyi Laatiin Ameerikaa, Kolombiyaa lakkoofsa isa guddaa yoo qabattu, namoonni 60,000 tahan kanaaf saaxilamtoota dha. UK keessattis akkasuma dubartoonni 47,000 kanaan miidhamaniiru.

Abukaatoon Jaan Ispiiveey fi namoota 2700 Oliivar Amaataayir wal’aansoo seeraa waggaa 10 booda murtoo har'a kenname dura akkana jechuun himte.
‘’Guyyaa murteessaarra gahuu dandeenya. Murtoon gaariin yoo kenname rakkoo waggaa baayyeef keessa darbaa turreef goolaba fiduu mala. Hangi beenyaa kennamus miidhamtootaaf banaa taha,’’ jetteetti.
Murtoon kenname kuni dubartoota biroo 20,000 tahan himannaa wal-fakkaataa kaasaa jiraniif hiika guddaa qabaata.
Alfii Joons wal’aansa baqaqsanii hodhuu dhaabata wal-fakkaataarraa fudhatte, baatii tokko dura erga baasteen booda manatti bayyanachaa jirti.
Yeroo dheeraaf maaltu akka ishee dhukkubu otoo hin bariin dhibamaa akka turte himti gorsa hiriyyaa isheetiinis akka baafatte dubbatti.
‘’Jireenyi koo waan na jalaa hatame natti fakkaachaa ture,’’ jetti.
Hakiimni wal’aansa kennu waan qaama koo keessatti awwaalame yeroo baasu, caccabaasaa argachuu fi siilikaniin warshaaf qofa fayyadu qaama koo keessatti dhangala’uu jalqabuu naasuudhaan natti hime jetti
‘’Sana qaama koo keessa galchuuf eeyyama argachuu isaanii ammallee amanuu hin dandeenye,’’ jetti
‘’Qaama koo kanaaf saaxiluu kootti ammallee nan gaabba, dhalli namaa kana nama biraa irratti raawwachuun garuu ammas na guba,’’ jetti
Dhaabbanni Jarmanii dhimma kanaan himatmaa jiru yaada kennuu hin barbaanne.














