Shamarree daldaaltuu qurxummii umuriin xiqqoo miseensa paarlaamaa taate

Shamarreen Heelan Awumaa Waandaaraa filannoo Yugaandaan baatii Amajjii darbe keessaa gaggeesite irratti paartii biyya bulchu NRM bakka bu’uun dorgomtee naannoosheetti injifattee jirti.
Heelan dhiyeenya barnootashee yunivarsiitii kan xumurtee yoo ta'u umuriinsheef reefu ganna 23 taati.
Buulchiinsa Baha Yugaandaatti, Busriyaa bakka bu’uun kan dorgomte shamareen tun, teessoowwan dubartootaaf qabame ture keessaa tokko injifachuu kan mirkanneeffatte Heelan, miseensa paarlaamaa umuriin xiqqaa ta’uu dandeessee jirti.
Bara 2019 barnoota yunivarsiitii ishee osoo hin xumuriin duras, daldala qurxummii harmeenshee hojjetan hojjetaa akka turte gaazexaan Deeylii Meel gabaaseera.
Isheenis qurxummii waaddee hiriyoota koolleejii ishee turaniitti gurguraa akka turte gabaafame.
Heelan aazexaa kanaaf yaadashee wayita kennitus, ‘‘ajaja Waaqaatiinan’’ gara siyaasaatti makame jettee jirti.
Miseensoonni paartichaa Heelanaadhaan ‘Haadha Busniyaa’ jedhanii waamuun. Maqaa masoo aanaa bakka buu'uun dorgomteen kennameefiin.
Isheenis tibba filannootti doqdoqqeedhaan manneen jireenyaarra naannoftee duula na filadhaa taasisaa turte.
Paartiin NRM seenaa jireenya nama dhaaba siyaasaa kana bakka bu’uun dorgomte Heelan, adeemsa siyaasaa isheen keessa dabarte ilaalchisuun, viidiyoo hojjette baatii darbe keessa gadhiisee ture.
Wiixata darberraa kaasee bakka bu’oonni ummtaa paarlaamaa keessatti kakuu raawwachaa kan jiran yoo ta’u, guyyoota itti aanan keessattis kan itti fufu ta’a.
Seenaa Yugaandaa keessatti kana dura namni umurii xiqqaa paarlaamaa seene shamarree Alengooti jedhamtu yoo taatu, innis 2011 keessa ture. Shamarree Alengootis nama ganna 19 wayita turtetti filatamtee miseensa paarlaamaa taate turte.












