Gandi Xaaliyaaniitti barootaaf haroon liiqimfamee ture deebi’ee mul’ate

Xaaliyaanitti hojiin haaromsaa haroo irratti gaggeefamaa ture ganda waggootii dheeraaf bishaaniin liqimfamee ture ifa baase.

Haroon Reshiyaa, kaaba biyyattiitti argamu, bal’inaan kan beekamu gamoon mana amantaa bishaan cabbaa'aa harichaa keessaa ol ba’ee mul’atuuni.

Hallii beekamaan kun gara kitaabaa fi Netfiliiksii gubbaatti vidiyoon waraabamee qophaa’eera.

Erga bishaan haroon kun yeroof keessaa gogfamee as garuu gandi Kuroon kan jiraattota dhibbaan lakka’amu qabaachaa tureefi bara 1950’tti hidhaa hojjachuuf jecha bishaaniin guutame deebi’ee mul’ateera.

Haroon Reshiyaa -ykn Jarman keessatti Reschensii jedhamuun beekamu- Tayrool Kibbaa, naannaa gaara Alpaayin daangaa Oostiriyaa fi Siwiizarlaand gidduu jiru keessatti argama.

Suuraaleen miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodaman, lafa dhuma harichaa ta’u ture irratti keenyan, darbii fi ejjetaa gamoo mana amantaa Jarraa 14ffaa agarsiisa.

Jiraattuu naannichaa kan taate Luwiisaa Azzoliinii, hambaa ganda durdurii keessa adeemuun “miira hin baramnedha” jechuun fuula Tiwitaraa ishee irratti barreessiteetti.

Gandi Kuroon kan bade bara 1950'tti – mormii jiraattota gandichaa dhaga’uu dhabuun – anga’oonni hidha ijaaruuf jecha haroowwan lama naannicha turan yeroo walitti makanitti.

Manneen 160 ol bishaaniin liqimfamanii, jiraattonni gandichaa hedduun qe’ee isaanirra kan buqqa’an yoo ta’u kaan ganda haaraa dhiyoomatti hundaa'e keessa jiraachuu eegalani.

Yeroo ammatti haroon kun bona bona namoota uumama keessa deemuu filatan biratti beekamaa yoo ta’u, waqxii gannaatti ammo haroon kun cabbaa’ee daawwattoonni lukumaan irra adeemu.