Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Geedewootti bullaallaan walgahii gidduutti mataa maanguddoorra qubatte ijoo dubbii taate
Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Geedewoo aanaa Wanaagootti bullaallaan (makoodiin) galma walgahii seenuun mataa maanguddoo tokko irra qubatte jennaan, yaa'iin adda cite.
Suuraan miidiyaa hawaasaa gubbaatti guddoo qoodame akka mul'isutti, makoodiin tun mataa maanguddoo kanaarra wayita qubattetti hirmaattoonni walgahichaa qalbiisaanii waltajjiirraa gara taatee kanaatti deebisan agarsiisa.
Maanguddoo gugeen filachuun irra qubatte dabalatee, namoonni kaan miira ajaa'ibsiifachuun, hiiknisaa maali jechuun, namuu hiika ofii itti kennaa ture.
''Nama hunda keessaa filattee anarra qubachuu ishiitti... gammachuu guddaatu natti dhagahame," jechuun maanguddoon Alamuu Diinchaa jedhaman kun BBCtti himan.
Maaltu ta'e?
Xumura torbee darbee wayita Godina Geedi'oo aanaa Wanaagootti miseensonni mana marii aanichaa gamaaggama hojii bara 2013 akkasumas haala waggoota darban keessa ture ilaaluuf galmatti walgahanii turan.
Yaa'ichi itti fufee sa'aatiin boqonnaa shaayii akkuma dhihaateen bullaallaan (makoodii ykn gugee) tokko karaa foddaatiin galmicha keessa seenuun marsuu eegalte.
Daqiiqaa muraasaan boodas mataa maanguddoo walgahicha irratti keessummummaan affeeraman Obbo Alamuu Diinchaa irra qubatte.
Maanguddoon kunis miseensa mana maree Godinaa yoo ta'an, walgahii aanaa kanarratti kana argaman garuu akka jaarsaatti affeeramuun ta'uu dubbatu.
Obbo Alamuunis haala ture akkas jechuun BBC'tti himan: "ani namoota keessa gara walakkaarran taa'ee ture. Bullaallittiinis marsitee marsitee dhuftee mataa kiyyarra qubatte. Anis homaa hinjenneen gammachuudhaanin simadhe.''
Bullaallaan kun mataa kiyyarra daqiiqaa 30 turte kan jedhan Obbo Alamuun, miseensonni mana marichaas yaa'ii dhaabanii waan ta'e kana suura kaafachaa ajaa'ibsiifachaa akka turan himu.
'Fuuldurri keenya nagaa akka ta'e himti'
"Bullaallaan karaa amantiitiinis yoo ilaallee mallatoo nagaati. Fuuldurri keenya nagaa akka ta'e nutti waan himtu natti fakkaata.
Nama hunda keessaa filattee anarra qubachuun ishiimmoo ani nama filatamaa akka ta'ee fi gammachuu guddaatu natti dhagahame," jechuun qiliixamuun haasawan.
Maanguddoon umurii isaanii waggaa torbaatamoota keessa jiraachuu himan kun, taatee bullaallaan mataa isaaniirra qubatte kanaan miseensoota mana marii akkasumas hawaasa naannoo irraa hanga ammaattillee dinqisiifannaa argachaa jiraachuu eeran.
Daqiiqaa 30 erga mataa isaaniirra callisaan turtee booda af-yaa'iin mana marichaa sagalee guddistuudhaan 'walgahii itti haa fufnu' wayita jedhan mataa isaaniirraa balaliitee akka deemtes dubbatan Obbo Alamuun.
Makoodiin hawaasa hedduu biratti akaakuu simbirrootaa keessaa akka mallattoo nagaa, jaalalaa fi ergamtuutti fudhatamti.
Bullaallaan amantaalee gurguddaa addunyaa kanaa kan akka Kiristaanaa, Isalaamaa, Yihudaa fi kaan biratti akka ergamtuu nagaatti ilaalamti.