Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sookkee: Kitaaba bu'aa ba'ii dubartii baadiyyaatti dhalattee, barattee maatiifi biyyashee jijjiiruuf dhamaatu seenessu
Gaazexeessituufi barreessituu Abaaboo Maammoo Kitaaba mata-dureen isaa 'Sookkee' jedhu tibbana maxxansiiste. Kitaabni kun maalirratti fuulleffata? Barreessituun kun maaltu akka barreessituuf ishee kakaase? Kan jedhuufi gaaffiiwwan biroo ilaalchisuun barreesituun Kitaabichaa turtiin BBC waliin taasifte kunooti.
BBC- Kitaabni kee kanaaf ka'umsa kan siif ta'e maali?
Abaaboo- Kitaabni kun kitaaba Asoosamaati. Asoosama seenaa dhugaa irraa maddedha. Seenaa dubartii Oromoo baadiyyaa jiraattuuti.
Dubartii baadiyyaa Oromiyaatti dhalattee, baratteemmoo ofiifi maatiishee, biyyashee jijjiiruuf dhamaatu. Bu'aa bahii dubartiin kun keessa darbiturratti fuulleffata.
Kitaaba kanaaf akka yaada ka'umsaa kan naaf ta'e anumtis dubartii baadiyyaatti dhalattee guddatteedha. Jireenya dubartoota Oromoo baadiyyaatti dhalatanii sirrattan beeka.
Yaadni kitaabicha barreessummoo kan naaf dhufe wagga kudhan dura yerooon Yunvarsiitii Adaamaatti baradhu abbaltii asoosama barreessuutu nuuf kennamee ture.
Abbaltii sanaaf asoosama fuula 15 qabun barreessee ture. Barsiisaankoo asoosama sana hedduu jaallatee hamilees naaf kenne.
Sanirraa ka'een anis asoosama kana maalifan gara kitaabaatti hin guddisu jedheeni kanin barreesse.
BBC- Kitaabicha barreesitee maxxansuun hagam sitti fudhate?
Abaaboo- Kitaaba kana barreessuu kanin eegale bara A L I 2002. A L I hanga bara 2005 ittuman gabbisaa, gulaalchisaas ture. Yaannikoo A L I bara 2006 maxxansiisee baasuudha ture garuu naaf hin milkoofne.
Xaarii hedduu booda kitaabichi erga barreeffamee waggoota torba booda barana maxxanfamee bahe.
BBC- Kitaabnikee kun dubbisaa akkamiitiif taha jettee yaadda?
Abaaboo- Kitaabni kun seenaa jireenya dubartoota Oromoo baadiyyaatti dhalatanii bifa asoosamaatiin kan ibsu waan ta'eef dubbisaa adda hin baasu. Hundumtuu dubbisuu kan danda'udha.
Irra caalaa garuu ijoolleen magaalatti dhalatanii guddattan dubartiin Oromoo baadiyyaatti dhalatte jireenya akkamii keessa darbiti kan jedhu hubannoo akka argataniif hedduu waan gargaaruuf isaaniif baayyee filatamaa ta'a jedheen yaada.
BBC- Kitaaba jalqabaa maxxansiistanii hawaasaan gahuun miira akkamii namatti uuma?
Abaaboo - Anaaf kitaabni kun ba'aan waggoota kudhaniif baadhee jooreedha. Amma maxxanfamee yoo bahu miira addaati kan natti uume.
Gaafan dura mana maxxansaa galchee deebi'e miira gammachuutiin osoon hin beekin boo'aan ture. Anaaf akka ulfa yeroo dheeraaf baadhee daheeti kitaabni Sookkee kun. Kanaaf, hedduun gammade.
BBC- Gama Ogbarruutiin fullduratti karoora akkamii qabda?
Abaaboo- Sookkeen kitaaba kiyya jalqabaati. Adeemsi maxxansee bahu wagga dheeraa narraa fudhatus isuma qofa qabadhee taa'aa hin turre. Amma wixineewwan kitaabota afurii qopheeffadhee kanin harkaa qabu qaba. Gara fuula duraatti hojii Ogbarruu kanaan cimee bahuun barbaada.
Kitaaba kiyya jalqabaa kana uummanni akka sirritti naaf beekee dubbisaan argatuuf jechas torbee tokko gidduutti sagantaa eebbaa giddugala aadaa Oromootti qopheessaan jira.