Iraan buufatni misooma niwukilaraa ijoon jalaa haleelamuu himte

Madda suuraa, Reuters
Iraan buufati niwukilaraa ishee inni guddichi Natanz jedhamu jalaa haleelamuu ibsite, haleellaan kunis warra olaantummaa siyaasaa yookiin humna waraanaa mirkaneeffachuu barbaadutu nurratti raawwate jedhan qondaaltonni biyyattii.
Haleellaan kun erga biyyattiin buufata niwukilaraa haaraa hojii eegalsiistee guyyaa tokko booda raawwate.
Buufata niwukilaraa kana pireezidantii biyyattii Hasan Rohaaniitu Sambata darbe eebbisiisan.
Buufati kun anniisaa maddisiisuu fi meeshaa waraanaa niwukilaraa oomishuuf kan ooluudha.
Hoogganaan Dhaabbata Anniisaa Atoomawaa Iraan Alii Akbar haleellaan kun ''gocha shororkeessummaati'' jedhan, garuu eenyuun akka raawwatame ifatti hin dubbanne.
Haleellaan buufata niwukilaraa Kibba Tehraan keessatti argamu Natanz irratti Dilbata kaleessaa raawwatame kun ibsaa buufatichaa guutummaatti adda kuteera jedhan.
Qondaaltonni Iraan abalutu haleellaa raawwate jedhanii hin himanne, miidiyaan Israa'el tokko garuu madda basaasaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, gochi kun haleellaa saayibaraa Israa'elitti qabamaa jira.
Israa'el hanga ammaatti dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Garuu tibbana dhimma sagantaa niwukilaraa Iraan irratti akeekkachiisa cimsaa jirti.
Haleellaan ammaa kun kan raawwate wayita mariin dhimma niwukilaraa Iraan kan bara 2015 eegalee, bara 2018 bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalatti adda citee ture, itti fufee jirutti.
Akkaataa waliigaltee marii dhimma niwukilaraa bara 2015 irraa eegalee mari'atamaa tureen irra ga'ameen, Iraan niwukilara gabbisuu kan dandeessu misooma anniisaaf qofa.
Buufati haaraan kun meeshaa waraanaas kan oomishu waan ta'eef Iraan waliigaltee bara 2015 irra ga'ame cabsiteetti.
Biyyattiin yuraaniyemii gabbisuun kuusachuu yoo barbaadde dhibbeentaa 3.67 qofatu hayyamamaaf akkaataa walii galtee kanaan.
Tarkaanfiin Iraan kun biyyoota lixaa dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan irratti xiyyeeffatanii hojjetan mufachiiseera.














