Mariin niwukilaara Iraan yeroo biyyattiin hordoffii buufataalee niwukiraa daangessuuf karoorfatte jijjirsise

Ogeeyyii Ejensiin Atoomiikii idil-addunyaa waliigalteen Iraan bara 2015 mallatteessite hojiirra oolu to'atan

Madda suuraa, GETTY IMAGE

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeeyyii Ejensiin Atoomiikii idil-addunyaa waliigalteen Iraan bara 2015 mallatteessite hojiirra oolu to'atan

Iraan, ogeeyyii Ejensii Atoomiikii idil-addunyaa(IAEA) akka buufatalee niwukilarii hin to’anne yeroo daangessuuf murtessitee turte yeroof hambisteetti.

Hogganaan dhaabbata Eejensii Atoomikii idila addunyaa Raafa’eel Giroosii ‘’tarkaanfichi hordoffii murteessaa ta’e akka itti fufnuu fi hojii mirkaneeffannaa akka hojjanuu nu gargaara’’jechuun odeeffannoo bal’aa kennuurra of qusatan.

Ameerikaan biyya Iraanirra qoqqobbii keesse yoo kaafte malee buufataalee niwukiraa biyyattii akka hin hordofamne dhorkuuf yeroo murtaa’e xumuramuutti dhiyaatee ture.

Ameerikaan waliigaltee dhimma niwukilaraa biyyoonni jajjaboon addunyaa Iraan wajjin mallatteessaan keessaa bara 2018 bahuu hordofuun muddamni biyyoota lamaan gidduutti jabaatee ture.

Itti aansuun pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp qoqqobbii dinagdee Iraan akka irraa deebiin waliigaluu eegaltu dirqisiisuuf qoqqobbii dinagdee biyyattirratti dabarsee ture.

Iraan marii haaraatti seenu diduun, dhimmoota waliigaltichaa keessatti hojiirra oolchuuf waadaa seente sarbaa turte.

Dhimmi gabbisa niwukilara Iraan ganna 20tti dhiyaatuuf ajandaa idila addunyaa ta’ee itti fufeera.

Iraan gabbisni niwukileerashii nageenyaaf kan kayyeefame ta’uu ibsiti, Ameerikaa fi lixaa biroo garuu Iraan boombii niwukilaara tolfachuu barbaaddi jedhanii shakku.

Muddamni dhimma niwukilaaraa biyyattii gad hira’teera?

Hogganaan dhaabbata Eejensii Atoomikii idila addunyaa Raafa’eel Giroosii, dhimmonni teekinikaa dhaabasaaanii fi Iraan gidduutti otoo yeroon irra hin darbiin toora qabachuusaa Iraan erga daawwatanii booda dubbate.

‘’Hordoffii fi hojii mirkanneeffannaa ijoo ta’an itti fufneerra’’jedha Giroosiin odeeffannoo bal’aa otoo hin kenniin.

Taatullee ammas buufataalee niwukiraraa Iraan hordofuun hin eeyyamamneef jiraachulle kaase.

Ji’oota sadan dhufan akka karoorfameetti, Iraan meeshaalee hordoffii Ejensiin Atoomikii idila addunyaa buufataalee niwukilaraa biyyattii hordofuuf dhaabeen waraabeen odeeffannoo waraabdi, Haa ta’u malee amma qoqqobbiin Iraanirraa yeroo karoorfametti kaafamutti odeeffannoo hin kennitu jedhe dhaabbanni annisaa Atoomikii Iraan.

Yoo qoqqobbiin itti fufe garuu odeeffannoon waraabame ni haqamuu jedheera dhaabbatni kun.

Ejensiin Atoomikii idila addunyaa meeeshaalee to’annoof barbaachisan kanneen akka kaameraa fi meeshaalee to’aanno biroo hojiiwwan buufataalee niwukilara biyyatti keessaatti hojjataman ittiin hordofuuf dhaabee ture.