Saayintistiin nukileeraa Mohsan Faakrizaadeh 'qawwee awutomaatikii fagoorraa to'atamuun ajjeefaman'

Bakka saayintistiin kun ajjeefaman, Sadaasa 27, 2020

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Qawween awutomaatikii fagoorraa to'atamu rasaasa 13 konkolaataa Aabba Fakhrizadeh'tti dhukaase jedhan qondaalli waraanaa

Saayintisitiin Iraan kan dhuma baatii darbeetti Tehraaniin alatti konkolaataa keessatti ajjeefaman Mohsan Faakrizaadeh, meeshaa waraanaa dandeettii nam-tolcheen 'AI' deeggarameen ajjeefamuu qondaalli biyyattii himan.

Mohsan Faakrizaadeh osoo konkolaataa keessa jiranuu meeshaa waraanaa saatalaayiitiin to'atamuun ajjeefaman jechuun, Ajajaan Egdoota Warraaqsa biyyattii beeksiisan.

Birgaader Janaraal Alii Faadaavii Dilbata darbe midiyaalee biyya keessaatti akka himaniitti meeshaa waraanaa konkolaataa 'Pick-up' irratti hidhameetu haadha warraa isaa waliin turte osoo hin miidhiin isa qofa rukute jedhan.

Himannaan kun garuu hinmirkanoofne.

Iraan haleellaa kana duuba Israa'eeliifi mormitoota biyyaa ala socho'an himatti. Israa'eel garuu himannaa kanarratti yaadni kennite hinjiru.

Qorataan kun attamiin ajjeefaman?

Motummaan Iraan ajjeechaa kana ilaalchisuun gabaasaalee wal faalleessan baaseera.

Guyyaa saayintistiin kun itti ajjeefamaniitti Ministirii Raayaa Ittisa biyyattii, eegdoonni Faakrizaadeh jijjiraa dhukaasaa taasisaniiru jechuun ibsee ture. Akkasumas konkolaataan banaa Nisaanii tokkoos bakkichatti dhootee jirti jechuun ibsee ture.

Gabaasa gara biraatiin ammoo hidhattoonni bakka dhohinsichaa turan afur ajjeefamaniiru jedhee ture.

Map showing Absard and location of killing of Mohsen Fakhrizadeh

Sirna awwaalcha saayintistii kanaarratti ammoo akkasuma Itti gaafatamaan Waajjira Tika Iraan ajjeechichi kan raawwatame, toftaa addaatiin bakka namni kamuu hinjirreefi meeshaa elektironikaatiin jedhanii turan.

Kanaan alatti waan dabalataa waanti jedhan hinturre.

Ajajaa Ittaanaan Egdoota Waraaqsa biyyaa Janaraal Faadiivi ibsa Dilbata kennaniin, meeshaa waraanaa dandeettiin nam-tolcheen deeggaramuun saataalaayitiin to'atameetu konkolaataa irratti hidhamee turetu qorataa adda baasuun ajjeechaa raawwatee jedhaniiru.

Saayintistii sanarrattis rasaasni 13 dhukaafamuu ibsameera.

Meeshaan waraanaa karaa saataalaayitiin to'atame jedhame kunis konkolaataa ittiin deemaa turan irraa fageenya inchii 10 irratti argama jedhamulleen, haati warraa isaan waliin turte hinmiidhamne.

Dureen amantaa Iraan Ayaatolaah Alii Kaameenii ajjeechaa saayintistii kanaa haaloo akka bahan dhaadataniiru.

Kanneen ajjeesanis adabbii baayyee cimaa ta'etu isaan eeggatas jedhanii ture.

Mohsan Faakrizaadeh lafa nikularri biyyatti itti gabbifamu olaantummaan ogganuun beekamu turan.

Qorataan Iraan meeshaa nama maleessaan ajjeefaman jedhe motummaan biyyatti

Madda suuraa, Reuters