Buufataaleen niwukilaraa Iraan ammallee maaliif haleellaaf saaxilamoo tahan?

An undated handout picture made available by the Iranian defence ministry shows a new surface-to-air (SAM) missile battery in Okhordad, Iran (9 June 2019)

Madda suuraa, EPA

Barri bulchiinsaa Tiraamp xumura argate, miira haara galfii Iraan keessatti uumeera.

Kanneen biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran muraasni garuu guyyaan aangoo pirezedantummaa isaanii goolabamuutti dhiyaatu, Tiraamp Iraanirratti dhiibbaa gama imaammataan hammeessanii, buufataalee niwukilaraafi iddoowwan biroos haleeluu malu jedhanii sodaataa turan.

Gabaasni Waashingtan keessa ji’oota muraasa dura bahe akka akeekutti, Tiraamp gorsitootasaanii wajjin mariyachuun dura tarkaanfii waraanaa irratti fudhachuuf akka filannootti qabataa turan.

Faallaa kana pirezedantiin haaraa filataman Joo Baayideen immoo waliigaltee dhimma niwukilaaraa bara 2015 Iraan wajjin turetti Ameerikaan akka deebitu ifoomsaniiru.

Baayideen qoqqobbii Iraan irraa kaasuun, maallaqni biyyattiif akka hin kennamne dhorkamee ture akka gadhiifamu kan taasisuudha jechuudha.

Kanaafuu Iraan haleelamuurraa bilisaa taatetti?

A Boeing KC-135 Stratotanker refuels an Israeli Air Force F-15 Eagle fighter jet flying in formation with two others, during an air show at Hatzerim base in the Negev desert (29 June 2017)

Madda suuraa, AFP

Lakkii bilisa miti, Israa’el sagantaa niwukilara biyyattiin tajaajila nagaaf oolchitu otoo hin taane, misaayila Iraan hidhatteerraa yaaddoo qabaachuu ibsite.

Kamisa darbe Ministirri Ittisaa Israa’el Biin Gaantiz, sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan ilaachisuun yaada kennaniin ‘tarkaanfii waraanaa irratti fudhachuu akka filannootti qabachuu qabna’ jedhan.

‘’Kunis qabeenyaafi inveestimentii barbaada, kun akka raawwatuuf irratti hojjachaan jira jedhan,’’

Iraan biyya Israa’el akka diinaatti labsitedha. Kanaafuu, Israa’el biyyattiin boombii niwukilaaraa gabbisuun biyyasheef yaaddoo ta’uu ibsuun, biyyoonni addunyaa otoo hin fagaatiin gabbisa niwukilara biyyatti dhaabsisuu qabu jetti.

Biyyi Iraan garuu sagantaan gabbisa niwukirara biyyattii nageenyaaf qofa ta’u ibsuun, dhiyeenyattimmoo yuuraaniyeemii gabbisuu cimsitee itti fufteetti. Gabbisni kun garuu waliigaltee bara 2015 wajjin wal faalleessa.

Bara 1981 Israa’el pirezidantiin duraanii Iraaq Saadaam Huseen, boombii niwukilaaraa dandeettii argachuutti dhiyaachaa jiraachuu shakkuun haleeltee turte.

Tarkaanfii waraanaa Baabiloon Oppireeshiin jedhamuun, xiyyaarota F15 fi F16 gargaaramuun buufata niwukilaaraa Osiraaq barbaadeessuun ni yaadatama.

Waggoota 27 boodas bifuma walfakkaatuun bara 2007 Siriyaatti haleellaa raawwachuun buufata gabbisa piluutoniyeemi dhoksaan gammoojjiin Deyir al-Zooyir cinatti ijaarame otoo hojiin hin eegaliin barbadeessitetti.

Kan dhokatee jiru

Haata’u malee, Iraan haleeluun akka duranitti itti hin salphatu. Sababii fageenyaa, ittisa farreen xiyyaaroota fi iddoo itti argamuuf itti sima jedhame.

Israa'el otoo Ameerikaan ittii hin hirmaatiin haleellaa xiyyaara milkaa’aa raawwachuun shakkisiisaadha.

Satellite photograph showing activity at Iran's Natanz nuclear facility (January 2021)

Madda suuraa, Maxar Technologies via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa saatalaayita irraa kaafame

Iraan buufataalee niwukilaaraa ishiitti Ameerikaa, Israa’elifi biyyoonni naannoo galoo ganaanaa yaaddoo akka hin uumne lafa jalaatti awwaaluuf maallaqa guddaa baasteetti. Muraasni isaanii tulluuwwan jalatti dhofkamanii awwalamaniiru.

Biyyattiin haleellaa irratti qaqqabuu maluuf yeroo dheeraa qophaa’aa turte.

Taatullee, gabbisni niwukilaaraa biyyattiin lafa jalatti awwaalte kallattii sadiin ammas haleellamuurra bilisa miti.

Haleellaa kallattiin

Ogeessii to’annoo meeshaalee waraanaa Maark Fitizpaatirik, gabbisni niwukilara biyyattii ‘haleellaaf iddoo hin saaxilamnetti hin argamu’ jedhan.

Biyyattiin garuu misaayiloota Bavar 373 fi misaayilota Raashiyaa xiyyaarota fageenya KM 300 irratti akeekkatanii rukutan S-300 qabaachuutu himama.

Haleellaa namaan

Ejensiin basaasaa Israa’el Mosaad Iraan keessatti neetiwoorkii basaasaa adda ta’e uumuuf hojjateera.

Yeroo saayintistiin waraana biyyattii Birgader Jeneraal Mohsiin Fakirizadiin daandii Teheeraanirraa eegamaa, daandii gubbaa imalaa ture namoonni haleellaa irraan gahan gara itti imaluu fi yeroo inni deemullee ni beeku ture.

Fakirizadiin abbaa gabbisa niwukilaaraa Iraan jedhamanii nama beekaman turani. Yeroo ajjeefameetti Israa’el haleellaa sana duuba jiraachuu ifatti hin qeeqne turte.

File photo of Mohsen Fakhrizadeh

Madda suuraa, Reuters

Bara 2010-2012 gidduutti garuu saayintistoonni niwukilaaraa Iraan afur biyyasaanii keessatti ajjeefamaniiiru.

Ajjeeeffamuusaanii Israa’el hin mirkaneessitus, ajjeechaa kana keessatti qooda qabachuus hin haaltu turte.

Haleellaa Saayibarii

Waraanni hin labsamne Iraan fi biyyoota gartuu tokko kannneen akka Ameerikaa, Israa’el fi Sa’udii gidduutti gaggeeffamutti jira.

Bara 2010 mosaajiin ‘Stuxnet’ kompiyuutarri gabbisaa yuuraniimii buufata Naantaaz to’atu tokko haleelamee ture.

A view of a damaged building at Iran's Natanz nuclear facility, in Isfahan, Iran (2 July 2020)

Madda suuraa, Reuters

Haleellaa kana duuba Israa’el jiraachuun gabaafamaa turullee, mosaajiicha ogeyyii Israa’el fi Ameerikaatu walta’iinsaan kalaqe ture.

Iraan otoo hin turiin neetiwoorkii oomisha boba’aa Sa’udii mosaajii biraan haleeluun, kompiyutaroota 30,000 caalan cufuun, oomisha boba’aa biyyattii yaaddoo keessa buuftee turte.