Niikulara Iraan: Teehraan gabbisa Yuraaniyeemii gara %20’tti guddisuufi jedhe UN

Madda suuraa, EPA
Iraan gabbisa yuraaniyeemii gara %20’tti ol guddisuuf ta’uu qaamni UN dhimma atoomiikii hordofu beeksise. Kunis waliigaltee niikularaa idil-addunyaa haalaan kan cabsedha jedhe.
Iraan kana yoo gootellee boombii hojjachuuf ammalee %90 kan ishee hafu ta’us, akka waliigaltee 2015 taasifameetti biyyattiin gabbisa yuraaniyeemii %4 gadi gochuu qabdi.
Iraan waliigaltee kana cabsuu kan eegalte wayita Tiraampi angoo qabachuun US waliigalticha keessaa baasanii biyyattiirratti qoqqobbii cimaa kaa’uu erga eegalanii boodadha.
Haata’u malee, UK, Faransaayi, Jarman, Raashiyaa fi Chaayinaan waliigaltichi nihaareffama jedhanii abdatu.
Iraan maal karoorfachaa jirti?
Eejansiin Annisaa Atoomiikii (IAEA), Iraan warshaa Foordoo boba’aa qulqulleessuuf gaarreen keessatti ijaarame keessatti yuraaniyemii %20 qulqulleessuuf akka karoorsite nabeeksiftee jirti jedha.
Eejansichi dabaluun: "Hojiin kun yoom akka eegalu garuu xalayaan eejansichatti barraa’e hin mul’isu," jedhe.
Iraan waliigaltee %3.67 qofa jedhu 2019’tti cabsitus, yeroo Sanaa kaasee hojiin yuraaniyemii gabbisuu ishee %4.5 irraa osoo hin geeddaramin ture.
Haata’u malee, ajjeefamuu saayintistii Niikularaa cimaa biyyattii Moohsan Faakrizaadeh hordofuun seerri haaraan paarlaamaa Iraaniin ji’a darbe keessa ba’e %20 akka ga’u dirqisiisa.
Labsichi akka jedhutti, boba’a fi seektaroota faayinaansii biyyattii irratti qoqqobbiin kaa’ame baatii lama keessatti hin salphatu taanaan, biyyattiin gabbisa yuraaniyemii gara %20’tti akka guddistu mootummaa gaafata.
Akkasumas to’attoonni UN bakkeen Niikularri itti dagaagu Naataanziifi Fordoo keessa akka hin seenne dhorka.
Yuraaniyeemiin gabbate maalidha?
Yuraaniyeemiin sadarkaa humna gadi aanaa %3-5 gabbate boba’aa omishuuf kan oolu ta’uu danda’a.
Kan haalaan gabbate ammo %20 fi isaa ol kan humna qabu yoo ta’u, ri’aaktaroota ittiin qorachuuf kan oolu dha. Kan bombii hojjachuuf oolu garuu %90 ol kuufama humnaa qabudha.

Madda suuraa, Getty Images
Yuraaniyemii gabbisuuf dangaa kaa’uun maaliif barbaachise?
Akka namoonni dhimma kana hordofan jedhanitti, Iraan humna gabbisaa dabaluun, biyyattiin yeroo itti boombii niikularaa omishuuf itti dandeessu as dhiyeessa.
Iraan, sagantaan niikularaa kiyya guutummaa guutuutti haajaa nageenyaaf qofadha jetti.
Haata’u malee, Gamtaa Awurooppaa, US fi UN, shakkii Iraan boombii niikularaa omishuutti jirti jedhuun, 2010 keessa qoqqobbii irra kaa’anii turani.
Waliigalteen 2015 kessa Chaayinaa, Faransaayi, Jarman, Raashiyaa, UK fi US waliin mallattaa’e, biyyattiin sagantaashee karaa ifa ta’een to’annoof yoo dhiyeessite qoqqobbii irraa salphisuuf yaadamee ture.
Waliigaltee kana haaressuuf maaltu ta’uu mala?
Tiraampi Caamsaa 2018 keessa waliigaltee kana ‘‘tortoraa fi badaadha’’ jechuun biyyasaanii keessaa baasani.
Pirezidantii haaraa ta’uun kan filataman Joo Baayidan garuu Ameerikaa waliigaltee bara Obaamaatti mallattaa’e kanatti akka debisan dubbatani. Iraan waliigaltee kana ‘‘haalaan kabajuutti’’ deebiti taanaanis qoqqobbii akka irraa salphisan himani.
Baayidan af-gaaffii Niiw Yoorki Taayimsi waliin bara darbe taasisaniin akka jedhanitti ‘‘ulfaataadha, garuu naannoo sanatti wanti dhumaa nuti feenu biyya humna niikularii ijaarrate biraati’’ jedhani.
Iraan gamasheetiin US waliigaltee sana guutummaatti kabajuu eegalti taanaan anis iddookootti nan deebi’a jetti.
‘‘Abba Baayidan haala 2017 keessa turetti deebi’u taanaan, nutis akksuma goona,’’ jedhani Pirezidant Hasan Ruhaanii, Mudde keessa yaada kennaniin.












