Biyyoonni yaa'a laga Abbayyaa Yugaandaafi Masriin odeeffannoo basaasaa walii qooduuf waliigalan

Madda suuraa, Getty Images
Yugaandaafi Masiriin wayita muddamni ijaarsa hidha guddicha Abbayyaa Itoophiyaan gaggeessaa jirtuun walqabatee naannicha keessatti dabalaa dhufeetti waliigaltee jijjirraa odeeffannoo basaasaa waliin mallatteessan.
Marii qondaaltota olaanoo basaasaa biyyoota lamaan gidduutti gaafa Roobi taasifameen waliigalteen raawwatuu waraanni Yugaandaa ibsa baasen himeera.
''Yugaandaafi Masriin bishaan Naayil waan waliin qooddataniif wal - ta'uumsi biyyoota lamaan gidduutti taasifamu waan hafu miti.
''Sababni isaas wanti Yugaandaa miidhu asiinis ta'e achin Masrii miidha,'' jechuun hoogganaan jila Masrii Meejar Janatraal Saameh Saaber El - Degwi dubbatuu isaanii waraanni Yugaandaa ibsa baase keessa himeera.
Dhimmi hidha guddicha Abbayyaa waggoota dheeraadhaaf Itoophiyaafi Masrii jidduutti madda wal dhabdee akkuma ta'etti jira.
Kana duras pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Masriin tarii Hidha Guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu rukkutuu dandeessi jechuun isaanii ni yaadatama.
Dubbiin isaanii yeroosi Itoophiyaa biratti mufii guddaa uumee ture.
Itoophiyaan hidhi kun madda annisaa guddaafi sochii guddina dinagdee biyyattiin taasiftuuf bu'uura jetti.
Haata'u malee biyyoonni yaa'aa gadii kan ta'an Sudaaniifi Masiriin gama isaanitiin, hidhi doolaarri biiliyoonni hedduun itti bahe kun ammeentaa bishaan gara isaaniitti dhangala'uu haalaan hirrisa jechuun yaaddoo isaanii ibsu.
Lagni Abbayyaa biyyoota lamaa kan maddu yoo ta'u, inni guddaan bishaan Abbayyaa cuquliisa (Blue Nile) Itoophiyaadhaa madda.
Yugaandaan ammoo madda bishaan Abbayyaa Adii (White Nile) dha.
Mariin biyyoota sadan, Masrii, Sudaan fi Itoophiyaa jidduutti barootaaf gaggeeffamaa ture furmaata hin arganne.
Mariin jaarsuummaa Pirezidaantii DR Koongoo kan ta'an Fiiliiksi Tishisekediitiin Kinshaasaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee kan xumurame torbanuma kana keessa ture.














