Murteessaa kubbaa miilaa ganna 16 Zaambiyaatti ijoo dubbii tahe

Madda suuraa, Zesco United
Murteessaan kubbaa miilaa ol adeemaan Zaambiyaa keessaa erga tapha gaggeessee booda, qalbii namoota hedduu hawwate.
Raafaa'el Mibotelaa kan umriinsaa ganna 16 tahe, umuriisaa 13 eegalee murteessaa kubbaa miilaa ta'ee hojjetaa jira.
Garuu guyyaa Roobii erga tapha michummaa kilaboota Zesko Yunaayitid fi Forest Rangers gaggeesse booda, biyyattiitti gurra horateera.
Miboteelaan BBCtti, duraan taphataa tahuu barbaadaa turuu himuun, tahus miidhaa koronyoo isaarra ganna sadiin dura qaqqabeen karoorasaa kana akka jalaa hambise dubbata.
''Fedhiinkoo murteessaa tahuu kan jalqabe ganna sadiin dura erga taphoota gareewwan akkaadaamii akka gaggeessu ergan gaafatame boodadha.
Gaaf tokko, tapha hawaasummaa jaarsoliin taphatan irratti akkan murteessu na affeeran. Namuu gama kanaan akkan dandeettii qabu waan baran natti fakkaate,'' jedhe.
''Murteessaa tahuu kootti] baay'ee itti gammadaan jira, sababni isaas ergan koronyookoo miidhamee booda taphachuu waan hin dandeenyeef.''
Kilaboonni pirimeer liigii Zaambiyaa isa olaanaa keessa jiran, tapha akka gaggeessuuf isa waamuusaanitti qiliixameera jedha saafelli ganna 16 kun.
''Ani gammadoodha, garuu yeroo taphaatti yoon dogoggora hojjedhe irraan baradheen of jajjabeessa. Qaama taphaati. Namni dogoggora hin hojjenne hinjiru,'' jedha.
Taphni dhiyeenyatti taasise kun haga ammaatti isaaf isa olaanaa tahuu eeruun, Waldaan Kubbaa Miilaa Zaambiyaa deeggaruun akka isa guddisu abdii qaba.
''Of tasgabbeesseen seene. Takka dirree ergan seene umurii koos tahe, taphattoota gurguddoo hin ilaalu. Ittigaafatamaan taphichaa anadha!.. Gaafan barumsakoo fixu akka Jaani Sikaazwe [Murteessaa Fifa Zambiyaarraa] ta'uun fedha.''
Harmeesaa wajjin kan jiraatu Mibotelaan, barnootasaa addaan kute itti fufuun, boodarra murteessaa tahuutti xiyyeeffachuu barbaada.
''Maatiin koo ana wajjin jiraachaa hin jirani. Yeroo ammaa kitaabilee, yuniformiifi waantota barbaachisan biroo waanin hin qabneef, mana barumsaa deemaa hin jiru,'' jedha ol adeemaan kun.

Madda suuraa, Zesco United
Garee miidiyaa kilaba Zeskoo Yunaayitid irraa kan tahe Desmoond Kaatongo BBCtti akka himetti, kilabnisaanii gurbaan kun tapha Roobii taasifame kana gaggeessuuf amantii irraa qabaachuu isaanii dubbata:
''Gareen teeknikaa kilaboota lamaanuu gahumsa murteessummaa inni qaburratti shakkii hin qaban ture. Taphoota akkanaa gaggeessuun muuxannoofi maqaa gaarii waan horateef,'' jedha Desmoond.
Dabaluunis: ''Gurbaa saafelaa hawwii murteessaa tahuu qabu arguun hedduu nama gammachiisa. Kanneen umuriisaatti argaman kaan Liyoonel Mesii, Ronaaldoo ykn Enook Miwepu tahuu hawwu taha.''
''Murteessitoonni [kubbaa miilaa] namoota hedduu akka Mibotelaaf madda kaka'umsaa tahuu danda'u. Gurbaan kun Waldaa Kubbaa miilaa naannootti argamurraa otoo leenjii argate waan dansaa ta'a. Kuniin Zaambiyaaf fakkeenya milkaa'inaati,'' jedhe.















