Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan buufata baqattootaa Dadaab fi Kaakumaa cufuuf ajajje, baqattoonni yaaddoo himatu
Keeniyaan buufata baqattootaa gurguddaa biyyattii keessatti argaman cufuuf ajaja dabarsite.
Mootummaan Keeniyaa akka ibsetti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii guyyoota 14 keessatti baqattoota lafa geessu akka ibsu gaafateera.
Biyyattiin buufanni baqattootaa akka cufamu yoo dubbattu kan duraa miti, ta'us baqattoonni yaaddoo isaanii BBC'tti himaniiru.
Akka ragaan Komishinii Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hanga Guraandhala walitti qabame agarsiisutti, yeroo ammaa baqattoonni Itoophiyaa 29,718 Keeniyaa keessa jiru.
Buufanni baqattootaa mootummaan Keeniyaa cufuuf jedhu Dadaab fi Kaakumaa kan jedhaman yoo ta'u, kanneen keessattis lammiileen Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa bal'inaan keessatti argamu.
Lammiileen Itoophiyaas gara caalu buufata baqattootaa Kaakumaa keessa ni argamu. Keeniyaan buufata baqattootaa kana cufuuf yoo jettu kuni kan jalqabaa miti.
Haa ta'u malee, guyyaa har'aa Ministeerri Dhimma Keessaa biyyattii Fireed Maatiyaangi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti akka himanitti, murtee kanarratti wanti wal-mari'atan hin jirtu jedhan.
Akka gabaafametti taanaan Maatiyaangiin haleellaa shororkeessummaa buufatawwan kana keessaa ka'u akka sababaatti kaasan.
Dabalataan walitti dhufeenya Keeniyaafi Somaaliyaa dhihoo hammaataa dhufes akka fakkeenyaatti kaasan.
Yeroo ammaa baqattoota 500,000 Keeniyaa keessa argaman keessaa walakkaa ol kan ta'an Somaaliyaa irraa dhufan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishiniin Olaanaa Baqattootaa garuu yeroon kenname xiqqaa ta'uu hima.
Dabalataan, murteen mootummaa Keeniyaa nageenya baqattoota biyyattii keessa jiranirratti dhiibbaa akka qabuufi weerarri Covid-19 yaaddoo ta'uu ibse. Ta'us, qondaaltota Keeniyaa waliin akka mari'atu beeksiseera.
Yaaddoo baqattootaa
Kaampii baqattoota Dadaabitti dura taa'aa hawaasa Oromoo ta'uu kan ibsu dargaggoon maqaa naaf dhoksaa jedhe, Keeniyaan kana dura si'a sadii hin cufna jette cufuu dhabuu hima.
Ammallee akkas ta'uu hin ooluu jedha. Ta'ullee dubbi mootummaa waan ta'ef, ummatni sodaa qaba jechuun BBC'f hime.
Obbo Mohaaammad Abdullaahi immoo waggoota 27 dura Keeniyaa buufata baqatttootaa Dadaabitti Itoophiyaa irraa baqatan.
Yeroo ammaas maatii torba qabu. Obbo Mohaammad kanneen Dadaabirraa Kaakumaatti geeffaman keessaa tokko akka ta'an BBC'tti himaniiru.
Akka isaanitti murtee Keeniyaa tibbanaa waan ta'u miti jedhanii yaadanis baqattoonni isaan dabalatee yaadda'uu himu.
''Miirri hamaa. Maal taanaa jedha ummati mara dhaabate,'' jechuun lammiileen Sudaan, Itoophiyaa, Ugaandaa, Burundiillee yaadda'u himu.
Osoomallee biyyattii deebi'a jedhamanii dur bahuu isaaniifi kaanin akka yaaddoo qaban BBC'tti himan.
Buufata baqattootaa Dadaabitti yeroo ammaa baqattoonni 218,000 argamu. Kanneen keessaa hedduun lammiilee Somaaliyaati.
Buufata baqattootaa Kaakumaatti ammoo baqattoonni 200,000 argamu. Asittimmoo heddumminaan kan argaman kan Sudaan Kibbaarraa baqatanidha.