Koroonaavaayirasii: Dureen paartii mormituu Koongoo Biraazaaviil guyyaa filannoorra Covid'n du'an

Madda suuraa, Getty Images
Dursaan gameessi paartii mormituu Koongoo Biraazaaviil Guy Brice Parfait Kolelas Covid-19'n qabamanii akka malee dhibamanii erga hospitaala seenanii booda guyyaa filannoorra du'aan boqotan.
Qindeessaan duula na filadhaa isaanii AFP'tti akka himanitti qondaalli paartii mormituu kun xiyyaara namoota dhibamanii wal'aanamaa jiran feetu, kan Firaansi irraa kaatee isaan fuuchuuf gara Koongoo Biraazaaviil imalte keessatti Dilbata kaleessaa waaree booda boqotan.
Ta'us garuu filannoon pirezidaantii biyyattii kaleessa karaa nagaan gaggeeffamaa ooleera.
Ministirri duraanii Qurmmii fi Siivil Sarvaantii Guy Brice Parfait Kolelas ilma ministira muummee duraanii biyyattii turan.
Akkaataa seera filannoo biyyattiitti sababa kaadhimamaan paartii filannoorratti osoo dorgomuu du'eef jecha filannoon hin haqamu.
Maaltu ture?
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifame wayita maanguddoon umrii waggaa 61 kun oksijiinii ofirraa baasanii deggertoota isaaniitiin,''an du'aanin wal'aansoo qabaa jira,'' jedhan agarsiisa.
Akkasaan filannoo Dilbata kaleessaarratti argamuun filatanis dhaamaniif.
Filannoo kana pirezidaantiin biyyattii kan bulchiinsa abbaa hirrummaan komataman Denis Sassou Nguesso ammas ni mo'atu jedhamee eegama.
Guy Brice Parfait Kolelas mormitoota pirezidaant Sassou Nguesso(maanguddoo umrii waggaa 77)'tiin flaman ja'a keessaa tokkodha.
Namni kun dhibeen kun itti hammaachuusaarraa kan ka'e maatiinsaanii wal'aansa fayyaaf hospitaala isaan amma keessa jiran keessaa baasanii gara Firaans geessuuf akka jiran himameera.
Gabaasi Associated Press akka mul'isutti namni siyaasaa dhibee shukkaaraa qaban kun, dhukkuba busaan qabamuusaanii ofshakkuun ture duula na filadhaa isa xumuraa Jimaata darbe gaggeeffamerraa kan hafan.
Booda garuu wayita hospitaala dhuunfaa maagaalaa Biraazaaviil keessa jiru seenanii ilaalaman koronaavaayirasiin qabamuunsaanii barame.
Aab Kolelas siree irra ciisanii wal'aanaman irraa wayita haasa'aa turanitti,"Jaal'atamtoota lammiiwwan biyya koo, rakkoo keessan jira. Du'aanin wal'aansoo qabaa jira. Haata'u malee akka isin filattanii jijjiirama fiddan isinin gaafadha. An akkanumaan lafa duwwaatti miti kanin qabsaa'e,'' jechuun sagalee dadhabaa tokkoon ergaa dabarfatan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Haalli fayyaa Aab Kolelas sadarkaa yaaddessaarra ga'uu hooggantoonni ittisa dhibee Covid Sambata darbe ibsaa turan, hospitaala keessaa kutaa namoonni akkaan dhibaman seenanii yaalamuurra gara biyya alaa deemuun wal'aanamuu filachaa turan jedhan.
Pirezidaant Sassou Nguesso erga filannoorratti sagaleesaanii kennanii booda Aab Kolelas'n dafii fayyi jedhaniin.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2016 pirezidaant Sassou Nguessoo sagalee dhibbeentaa 60 argachuun Aab Kolelas mo'atan, Kolelas harka 15 qofa argatan.
Paartiin mormituu biyyattii inni guddaan 'Pan-African Union for Social Democracy (UPADS)' jedhamu filannochi saba hira jechuun diddaa agarsiisaa jira.
Manni amantii kaatoolikii Koongoo Biraazaaviil iftoominaa fi haqa qabeessummaa filannochaarratti shakkii akka qabu ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaant Sessou Nguesso erga bara 1979 aangoorra jiru, gidduutti garuu filannoo bara 1992 injifatamuun waggaa shaniif aangoorraa bu'anii turan.
Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee Koongoo Biraazaaviil keessatti namoonni 9,000 qabamuu mootummaan gabaase, kanneen keessaa 130 qofatu du'an jedha gabaasi mootummaa.















