Namichi poolisoota du’aaf wawwaatan viidiyoo waraabuu isaa amane to'atame

Richaard Puuseen waan itit shakkame amaneera

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Richaard Puuseen waan itit shakkame amaneera

Lammiin Awustiraaliyaa balaa konkolaataa uumame booda poolisoota miidhamanii du’atti adeeman viidiyoo waraabaa itti gadhiisaa akka ture amane.

Richaard Puusee, ganna 42, yakka safuu ummataa cabse, qoricha nama hadochuu qabaachu fi yakka biroon himatame.

Waggaa darbe Meelboornitti ture poolisootni afur sababa saffisaan oofaa tureef Puuseetiin daandirratti kan isa dhaaban.

Poolisootni kunneen utuu to’annoo jala isa olchaa Jirani, tasa afran isaanii konkolaataa daandii irraa maqeen rukutamani.

Qondaaltoti Leyneet Teeylar, Keevin Kiing, Gileen Humfiriis fi Joosh Pireestinii bakkuma balaan uumame kanatti lubbuun isaani darbe.

Yeroo balaan kun uumametti Puuseen meetira muraasa fagaatee waan tureef hin miidhamiin hafe, boodarra garuu bilbila isaa baasee gara daqiiqaa sadii oliif vidiyoo waraabe.

Poolisii Teeylor konkolaataa sana jalatti rukutamtee utuu jirtuu bira dhaabbatee viidiyoo warabaa akka ture manni murti dhaga’eera.

Oggeessoti yeroo inni kana godhutti poolisoota balaan isaan dhaqqabe keessaa kan lubbuun ishee hin baane turte jedhanii tilmaamu.

Akka viidiyoon wayyaa poolisitti irra ture mana murtiitti dhiyaate mul’isutti Richaard Puuseen “Kunoo akkas. Namatti tola, baayyee namatti tola,” jechaa ture.

Poolisootni kun konkolaataakoo balleessan jedhee arrabsuu isaa dura, “ani mana galee sushi nyaachuu barbaadeen ture,” jechaas ture.

Poolisoota lubbuun isaanii darbe

Madda suuraa, VICTORIA POLICE

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoota lubbuun isaanii darbe

Sana booda bakka balaan kun itti mudate Daandii Lixa Meelboornii irraa baqatee deeme.

Konkolaachisaan Mohindeer Siing Baajwaa himannaa balaa lubbuu dabarse afur ittiin himatame hunda amanee torban kana mana murtiitti ni dhiyaata.

Puuseen balaa uumame booda mana jireenyaa isaatti to’annoo jala oole.

Jalqaba himannaan irratti dhiyaate ariitiin oofuu, qoricha sammuu adoochu qabachuu fi amala itti gaafatamummaa hin qabne agarsiisuun ture.

Boodarra garuu poolisoonni viidiyoo Puuseen waraabee hiriyyoota isaaf qoode argatani.

Wanti inni viidiyicha irratti dubbate uummata kan dheekkamsiise yoo ta’u, ministirri poolisii Viiktoriyaas gocha isaa kana “guutummaatti kan nama dhukkubsudha” jedheera.

Akka miidiyaan biyyatti gabaasetti Awustiraaliyaa keessatti yakki ummata dheekkamsiisu yeroo hedduu murtee argatee hin beeku.

Abbootiin alangaa himata kanarra jiran, yakka bara 2007tti Ingilaaand keessatti namni Antoonii Andirsan jedhamu dubartii du’aa jirtu irratti erga fincaa’ee booda hidhaan waggaa sadiin adabame waliin wal bira qabani ilaalaa jiru.

Himata akkanaaf seera Awustiraaliyaa keessa addabiin olaanaa hin jiru. Puuseen Bitooteessa 31 mana murtiitti ni dhiyaata.