Namni kaffalee interneetiirratti dararaa daa'immanii ilaalaa ture waggaa 18n adabame

Piitar Tomlinsan

Madda suuraa, NCA

Namni daldalaa fi hogganaa ministeera daldalaa ture interneeta irratti kallattin darara daa’imaa ilaaluuf kaffale hidhaa waggaa 18’n adabame.

Piitar Tomlinsan interneeta irratti kallattiin yeroo daa’imni Filippiinsi keessatti dararamuu ilaaluuf pawondii 10,000 (birria 560,000) akka kaffale abbootiin alangaa himaniiru.

Namichi ganna 63, Kowes, UK irraa ta’e kun yakkaa saala daa’imman irratti gaggeeffamu dabalatee himannaa 20 irratti dhiyaate amaneera.

Jireenya isaa guutuufis maqaan isaa galmee yakkamtoota haleellaa saalaa irratti galmaa’eera.

Tajaajilli Abbaa Alangaa The Crown (CPS) akka jedhetti hogganaa Ministeera Daldalaa ‘Isle of Wight’ kan ture Tomlinsan,interneeta gubbaatti dubartoota Filippiinsi keessa jiran waliin wal qunnamuun kallattiin qophiiwwaan wal qunnamtii saalaa da’immaan hedduminaan ganna 13 gadi ta’an waliin gaggeefamu ilaaluuf kaffaleera.

Kana dura poolisiin akka jedhetti Tomlinsan, kan Jimaata murteen hidhaa irratti murtaa’e, wanta arguu fedhu namoota kana dursee ni gaafata ture.

Caamsaa 2015 fi Ebla 2017 gidduutti namoota Filippiinsi keessa jiran adda addaaf si’a 127 kaffaaltii paawondii 5,500 ol taasiseera.

Ta’us garuu qorannoon Dhabbati Yakka Biyyaaleessa gaggeesse Tomlinsan biyyatti keessatti yakka himatame kanaaf paawondii 10,000 kaffaluu isaa argachuu CPS ibseera.

Abbaan alangaa dursaa CPS Weseeksi Antonii Joonsi akka jedhetti, raagaalee akka “eergaa barreeffama kumaatamaan lakka’amanii, galmeen daldalaa fi suuraleen saafuu hin qabnee,” argaman Tomlinsan “yakkamaa ta’uusaa amanuu malee filannoo akka hin qabne taasisaniiru,” jedha.

“Har’a yakkaamaa haleellaa saalaa hamaa ta’e qofa miti kan hidhaa seeneeru, bu’aa murtee kanaan daa’immaan Filippinsi keessa jiranis darara dabalataa irraa oolaniiru,” jedha.