Jawaar Mohaammad: Manguddoonni jaarsummaa 'lagannaa nyaataa dhaabuu' deeman maal jedhu?

Lagannaa nyaataarra kan turanifi hospitaala Laandmaark kan jiran Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa guyyaa 39'f nyaata erga lagatanii booda akka dhaaban jaarsolii bira deemanii kadhataniif waadaa galaniiru.

Jaarsoliin biyyaa fi atileetonni akkasumas abbootiin amantaa fi maatiin kaleessaa fi dheengadda [Sanbataa fi Dilbata] hospitaala Laandmaarkitti argamuun namoonni kunneen akka lagannaa nyaataa dhaaban kadhachaa turan.

Atileet Daraartuu Tulluu fi leenjisaan atileetotaa komaandar Huseen Shiboo namoota jaarsummaaf achitti argaman keessaa yoo ta'an, Dilbata ol seenuun Obbo Jawaar fa'i kan dubbise isaani.

Jaarsolii biyyaa keessaa kan garas imalan Obbo Dirribii Damisee haala ture irraa iyyaafanneerra.

Maaltu ture?

Namoonni kunneen akka lagannaa nyaataa dhaabaniif erga kadhachuu jalqabnee turreerra kan jedhan Obbo Dirribiin, ifaajee yeroo dheeraa booda kaleessa Bitootessa 7, 2021 tole nuun jedhan jedhu.

''Sanbata darbe ture kan dhaqne. Atileet Daraartuu Tulluu dabalatee atileetonni hedduun nu waliin turan. Obbo Daawud Ibsaas turaniiru. Walumaagalatti gara nama soddomaa taanee balbala dura marga jiidhaa qabannee dhaabbanne.

"Haata'u malee ol nu galchuu waan didaniif guyyaa guutuu aduu keessaa dhaabataa oollee osoo hin milkaa'in galle,'' jedhan.

''Sambata maqaa nu gaafatanii nu qoratanii waraqaa eenyummaa keenya erga iskaan godhanii booda, baay'ee nu eegsisanillee olgaluun hin danda'amne,'' jedhu.

Kadhannaa yeroo dheera booda Dilbata kaleessaa akka olseenuun eyyamameef dubbatu Obbo Dirribiin.

''Kaleessa, Dilbata sa'atii saditti achi geenye. Daraartuu fi Komaandar Huseen Shiboo baay'ee ifaajan. Ammas ammoo ajaji jijjiirameera jedhanii nu galchuu didan.''

''Ergasii akka haaraatti maqaa keenya galmeessanii boodarra innumtuu hin ta'u jedhan.

"Isa ganama sa'atii saditti achi geenye sa'atii torbaratti Daraartuu fi Huseen Shiboo haa galan ajaji jedhu dhufeera ni fudhattuu nuun jedhan. Tole namumti nuuf haa galu jenneenii isaan olgalanii miilarratti kufanii gaafatan.''

''Isaanis kana caalaa jaarsolii kanarra hin dabarru, ciisanii nu kadhatan waan ta'eef, tole jechuu qabna jedhanii ajaja keenya fudhatan, egaa haaluma kanaan gammachuudhaan galle'' jedhu.

Atileet Daraartuu waliin hospitaala akka seenan kan hayyamameef komaandar Huseen Shiboo gama isaaniin kanaan duras deddeebi'anii akka kadhachaa turan himan.

''Ammas taanaan osoo abdii hin kutiin guyyaa kaleessaa fi dheengadda miilatti kufnee kadhanne. Boodarra tole nuun jedhan. Akka har'a Wiixatarraa eegalanii lagannaa dhiisanii nyaata eegalan waadaa nuuf galan,'' jedhu.

Wayita olseenan waan argan wayita ibsan Komaandar Huseen, ''namoonni lagannaa nyaataarra jiran hunduu baay'ee huqqatanii jiru" jedhu.

"Maatii fi namni nu dubbisuu dhufu ol hin seenu jechuunis komatu. Hanga nuti olseennee gaafannu sanatti wal'aansa fayyaa akka hin eegalles argineerra. Obbo Baqqalaan bakka ciisanii hin kaane, kan nu dubbisan Hamzaa fi Jawaar,'' jedhan.

''Wayita isaan tole nuun jedhan baay'e gammadne, qaama isaanii ilaallee ammoo baay'ee gaddine, kanaafuu miira walmakaa keessa turre'' jechuun miira yeroo sana ture ibsan.

Wayita deddeebi'anii akka laagannaa nyaataa dhaabaniif gaafachaa turan, namoonni kunneen maaliif akka isaan didaa turanii fi maal akka itti himaa turan wayita ibsan, Obbo Dirribiin akkas jedhan.

''Oromoon filmaata keessaa ba'eera waan ta'eef baanee maal goona, salphina kana arguurra du'uu nuuf wayya jechaa turan,'' jedhan.

Guyyaa kaleessaas isa dhumaa ijibbaachuu deemne kan jedhan Obbo Dirribiin, warri lagannaa nyaataarra jiranillee ifaajee isaanii kana tuffatanii bira darbuun itti ulfaannaan akka tole jedhan dubbatan.

''Namoonni kunneen akka nuti guyyaa lammaffaaf achi oolle ni beeku. Akka olgalfamuu dhorkamnes quba qabu.

"Kanaafuu jaarsoliin kunneen ol hin galfaman taanaan alatti gadi fiignee of ajjeesna murtee jedhurra ga'anii turan. Wayita Daraartuu fi Huseen olseenan namoonni kunneen aariidhaan giluukoosii ofirraa cicciranii turan,'' jechuun haala kaleessa turan ibsu Obbo Dirribiin.

Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti namoonni lagannaa nyaataarra turan kunneen nyaatatti deebi'uun dura haalli fayyaasaanii ilaalamuu waan qabuuf, battaluma tole jedhanitti nyaachuu hin dandeenye kan jedhan Obbo Dirribiin garuu har'a Wiixatarraa eegalanii akka nyaatatti deebi'an walii galle jedhan.