Namicha turistii Firaans morma muree ajjeesetti duuti murtaa'e

Reeffa Harvii Goordel

Madda suuraa, AFP

Manni murtii Aljeeriyaa namicha bara 2014 turistii lammii Firaans ta'e tokkoon morma muree ajjeeseera jedhe du'aan akka adabamu murteesse.

Turistiin maqaan isaa Harvii Goordel jedhamu kun umuriin isaa waggaa 55 kan ture yoo ta'u, Paarkii Biyyaalessaa Aljeeriyaatti bakka Jurjuraa jedhamu osoo daawwachaa jiruu ture erga butamee booda kan ajjeefame.

Wanti yeroo sana uumames dheekkamsa guddaa kaasisee ture.

Viidiyoon yeroo turistiin kun gara jabinaan mormi irraa muramu agarsiisu karaa garee fixxaalessaa Juundii Al-Kaalifaa jedhamuun gadi dhiifamee ture. Kun ammoo gochicha akka guutuun addunyaa abaaru taasise ture.

Deeggaraa garee fixaalessaa Islaamiik Isteet (IS) kan ta'e Juundii Al-Kaalifaa gocha kanaaf itti-gaafatama fudhateera.

Miseensa garee Juundii Al-Kaalifaa ta'uun kan shakkame Abdulmaaliik Hamzaay Kamisa dheengaddaa mana murtiitti dhiyaate. Namoonni isa waliin shakkamanis bakka hin jirretti dhimmi isaanii ilaalamaa jira.

Shakkamaan lammii Aljeeriyaa kun ajjeechaa tursitii sanarratti hin hirmaanne jechuun waakkatullee manni murtii garuu isa hin fudhanne.

"Warri anarratti du'a murteessaa jirtan yeroo dhumaatiif cufuufi warra Firaansiin gammachiisuuf jettaniiti, ani garuu gocha kana hin raawwanne," jedhe Abdulmaaliik.

Haata'u malee, nama ajjeefame sana waliin warri tulluu koraa turan Abdulmaaliik warra isa ugguran keessaa tokko akka ture ragaa irratti bahaniiru.

Namni ajjeefame, Harvii Goordel, tulluu koruun turistii muuxannoo qabu yoo ta'u, bara 2014 keessas wayituma kanatti jiruu kan garee finxaaleyyii kanaan kan butame.

Namoonni turistii kana butan Firaans Iraaqiifi Siiriyaa keessatti haleellaa xiyyaaraa IS irratti gaggeessitu yoo kan hin dhaabne taaate, lammishee akka morma muran akeekkachiisanillee Firaans garuu gaaffii isaanii kana hin fudhanne ture.

Pirezedaantiin Firaans yeroo sanaa Firaankoyis Hollaandee gochicha kan warra gara jabeeyyiifi dabeeyyiidha jechuun abaaranii turan.

Reeffi turistii ajjeefamee hanga Amajji 2015'tti hin argamiin ture. Aljeeriyaan garee reeffa barbaadan kumatti lakkaa'aman erga bobbaastee booda barbaacha heedduun booda kan argame.