Lola Tigraay: 'Guutummaa Tigraayitti tajaajilli ibsaa irra deebiin adda cite'

Madda suuraa, EEP
Korporeeshiniin Humna Ibsaa Itoophiyaa ''haleellaa humnoonni TPLF raawwataniin guutummaa Tigraayitti'' tajaajilli ibsaa irra deebiin adda cituu beeksise.
Dhaabbatichi fuula feesbuukii isaa gubbaatti ibsa baaseen hafteen humnoota TPLF bu'uura misoomaa tajaajila ibsaarratti haleellaa raawwataniin tajaajilichi adda cituu beeksise.
Humnoonni TPLF sarara humna ibsaa guddaa daddabarsu kan magaalota Allaamaaxaa- Mahoonii- Maqalee keessa darbu bakka Addigudam jedhamutti haleeluu isaanii ibse.
''Kana duras miidhaa guddaan irra gahee suphamuufis yeroo dheeraa fudhatee akka ture ni yaadatama'' jedha ibsi kun.
Sararoota naannichi humna ibsaa ittiin argatu keessaa tokko kan amma haleelame ta'uu eeruun, sararri inni biroon Takazee- Aksuum miidhama kana dura isa mudateef suphaan isaa gaggeefamaa akka tures ibseera.
Daarektarri Komunikeeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa Obbo Mogas Makonnin BBCtti akka himanitti naannichatti humni ibsaa addaan cituun kan mudate kaleessa Wixata Guraandhala 16, 2021 waaree boodarraa kaaseeti.
Dhaabbatichi sarara miidhame kana suphee tajaajilatti deebisuuf hojjechaa akka jiru ibseera.
Dhimma kanarratti gama TPLF hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.
Haa ta'u malee Kibxata kaleessaa qondaalli olaanaan TPLF Obbo Getaachew Raddaa torbanoota hedduun booda yeroo duraaf ibsa miidiyaa dhaabicha waliin hidhata qabu Tigraay Midiyaa Haawusitti bilbilaan kennaniin humnoota mootummaa loluu akka itti fufan dubbatan.
Dhiyeenya bakka adda addaatti lola gaggeefamaa jiruun humnoonni isaanii humna mootummaa jabeessanii lolaa akka jiraniifi lola kanaan lubbuun loltoota hedduu darbaa akka jirus himan.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay gama isaan Ibsa Kibxataa TV naannichaarratti dabarseen namoota naannicha jeeqan jedhaniif akka dahoo hin taane ummata akeekkachiise.
Bulchiinsichi humnoonni TPLF ''faffaca'an'' fi ''ummata keessa dhokfaman jiru,'' jechuun himate.
''Humnoonni badii gandootaafi magaalota Tigraay keessa nagaa hawaasaa diiguun jeequmsa hamaatti geessuuf hojjetaa akka jiran mirkanaa'eera,'' jechuunis ibse.
Lola jalqaba ji'a Sadaasaatti eegalame hordofee naannolee Tigraay hedduu keessatti tajaajilli telekoomii ji'ootaaf adda citee ture torbanoota muraasa dura bakka murtaahetti deebi'ee hojii eegale.
Tajaajilli telekoomii adda citee turuun haala naannichi keessa jiru beekuuf rakkoo guddoo uumee ture.
Tajaajilli Ibsaas akkasuma yeroo dheeraaf bakka hedduutti adda citee ture.














