Mormii naannoo Tigraayiin lubbuun namootaa darbuun himame

Magaala Maqalee osoo mormiin hin uumamiin dura

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY

Mormii Naannoo Tigraayiitti torban darbe taasiifameen lubbuun namoota baduu jirraattoonniifi maddeen hospitaalaa BBCf mirkanneessan.

Taateedhuma kannaan walqabatees yoo xinnaate namoonni saddeeti ajjeefamuun ibsame.

Jiraattoonnis gareen dureewwan amantaafi jaarsoolii biyyaa gara Maqalee deemuu mormuun namoonni kaan daandiirratti bahuun gomaa gubuun, kaan ammoo mana keessa turuun mormiisaanii mulisuutu ibsame.

Gareen abbootii amantaa kun silaa kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii nagaa taasisuuf ture kan imalan jedham maddi BBCn dubbise tokko.

Akka jiraattoonni ijaan argan jedhaniitti, keessummoonni kunneenis Wixata Guraandhala 8,2021 galgala ture magaalattii kan galan yoo ta'u, kunis miseensoota hawaasaa muraasa jidduutti aarii uume.

Tigroonni hedduunis garee kunis tarkaanfii waraanaa mootummaa MM Abiy Ahimadiin fudhatamee deegaruu jechuun balaaleeffatu.

Akkasumas, beela ummanni naannichaa keessa jiruuf xiyyeeffannaa hinkenniine jechuun himatu.

''Ammalleen Maqalee keessatti hugguurri guutuun taasifamee kan jiru yoo ta'u, namoonni socha'an baayyee xiqqaa ykn omtu hinjiru, suuqiiwwaniifi dhaabbileen dhuunfaa cufamaniiru. Geejibni magaalattii keessa hinjiru,'' jedha jiraataan Roobii BBCn Magaalicha rraa dubbisee ture.

Maqaleen alattis magaaloota akka Shiree, Adigraat fi Wuqroo kan Km 45 Maqaleerraa fagaattu keessattis mormiin gaggeeffamee namoonni saddeeti ajjeeffamuu Jiraataan Wuqiroofi oggeessi fayyaa maqaan akka hindhahamne gaafatan BBCtti himan.

Dureen Sabaa Himaa Magaalaa Maqalee, Obbo Xa'aaman gama isaanitiin mormicha, ''sochiiwwan seeraan alaafi kan saamtootaa'' jechuun balaaleeffataniiru, akka raadiyoon naannoo isaan eeruun gabaaseetti.

Mootummaan federaalaa Sadaasa 28 erga Maqalee to'ateen booda lolli xumuramuu labsee ture.

Haaluma kanaanis, lolli humnootii mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti Sadaasaa 4 eegalee injifannoon kan xumurame fakkaatee ture.

Mootummaan oppareeshiniin lolaa xumuramee jira haa jedhu malee dhaabbileen UN fi gargaarsaa lolli ammalleen bakkeewwan Tigraay tokko tokkoo keessatti gaggeefamaa akka hiru himu.

MM Abi Ahimd 'oppareshinii seera kabachiisuu' TPLF irratti kan labsan erga isaan humnootii raayyaa ittisa biyyaa Komaandii Kaabaa irratti haleellaa raawwataniin booda ture.

Jiraattoota maaltuu aarsee?

Mormiin torban kanaas erga dhuma Sadaasaatti mootummaan federaalaa Maqalee to'ateen booda ummanni mormii wayita bahan kun isa jalqabaati.

Bakka bu'aan amantaa naannichaa akka walgahii ummataa irratti hirmaataniif affeeraman tokko sababii jiraattonni marii nagaa jedhameetti aaraniif himu.

''Dureewwan amantaa ummataa waliitti qabuu barbaadan. Tibba rakinichaatti waa'ee kenya hingaafannee ture. Midiyaa idil-addunyaa waliin ta'uun beekatuma akka waan nagaan Tigraay keessatti bu'ee addunyaatti sobaan mulisuun yaadame.''

Namni kun akka jedhaniitti, dhuunfaa isaaniitti affeerraa jarri konfaransichi osoo hineegaliin daqiiqaa 20n dura dhiyaateef osoo hinfudhatan hafan.

''Tigraay keessatti lolatu jira. Namoonni guyyaa guyyaan du'u. Akka nama amantaa affeerraa akkasii gonkumaa hinfudhadhu. Osoo dararama ture hinbalaaleeffatiin marii nagaa jechuun bu'aa maal qaba? Dhaabbilee amantaa kunneen wayita waldaaleen, bakkeewwan amantaa gubataniifi diigaman akkasumas lubuuwwan ajjeefaman jecha tokko hindubbannee,'' jedhu.

Dhaabbilee amantaa kunneen irra jireessisaanii tarkaanfii lolaa mootummaa federaalaa TPLF irratti fudhate jalaqaba irratti deeggarunsaanii ummata Tigraay aarseera jedhu.

Itti-gaafatamaan Sabaa Himaa Tigraay Iteenash Nigusee BBCtti akka himaniitti, ''Ummanni akka manaa hinbaaneefi geejjiba akka dhaabuuf odeeffannoo dogongoraatu tamsa'aa ture.''

''Konfaransiin ummataa keessuummota amantaafi bakka bu'oota hawaasaa waliin gaggeeffame. Keessummoon magaalattii dhufanii wayita doowwatan kun kan jalqabaa miti. Kaayyoon isa ammaa kanaas haala amma Tigraay keessa jiru hubachuun irratti mari'achuuf,'' jette dabaluun.

Akkasumas, ibsa bulchiinsi mootummaa yeroo akka jiraattoonni isaan waliin waliiti dhiyaatee hojjachuun nageenyaafi tasgabbii isaanii mirkaneessaniif taasisee yaadattee jirti.

''Rakkoo yoo qabaanne, nutti himamuun fooyyeessuu dandeenya. Kanaan alatti, sochiiwwan seeraan alaa nageenya keenya jeequun boodeetti nu deebisan taasisuun fudhatama hinqabu,'' jette.

Haata'u malee, namoota sababii kanaan du'an akka hinmirkanneeffannee himte.

Guyyaa Kibxataa maaltu ta'e?

Mormicha eenyu akka qindeesse ifaa miti, garuu ammoo namoonni baayyeen manuma keessa oolan. Suuqiiwwaniifi dhaabbileen dhuunfaa cufaa turan. ''Geejjibni ummataa omtu hinturree,'' jedhu jiraataan BBCn bilbilaa dubbise tokko.

Dabaluunis humnootii nageenyaa suuqiiwwan akka banamaniif humaan dirqisiisaa turan jedhu.

''Namoonni humnaan akka konfaransicha hooteela Pilaaneet keessatti gaggeefameerratti hirmaataniif dirqisiifaman.''

''Kunis dargaggoonni dhakaadhaan daandii akka cufaniifi magaalatii keessatti eddoowwan garaa garaatti gommaa gubuuf kakaase,'' jedhu jiraataan haalicha ijaan arguu himan kun.

Muraasni isaanis humnootii nageenyaa irratti dhakaa darbachaa kan turan yoo ta'u, isaan ammoo mormitoota irratti dhukaasuu arguu dubbata namni maqaansaa nageenyaaf jecha akka hindhahamne gaafate kun.

Jalqabarratti namni tokko ajjeefamuun hakima hospitaala Ayidariin mirkanaa'uu AFP gabaaseera.

Hojjataan Hospitaala Maqalee tokko ammoo namoonni saddeet biroo miidhamuun wallaansa argataa jiraaachuu BBCtti hime.

Magaalattii keessatti humnootiin nageenyaa baayinaan kan mulatan yoo ta'u, bakka bakkattis sakkata'insi jiraachuu jiraataan ollaa Adii Haawsi tokko BBCtti hime.

Itti-gaafatamaan Saba himaa magaalattii Obbo Te'aam jiraattoonni suuqiisaanii akka bananiif gaaffachuun yoo didan ammoo bulchiinsa magaalaa tarkaanfii seeraa akka irratti fudhatu akeekkachiisu midiyaalee biyya keessaa gabaasan.

Akkasus namoonni duulicha keessatti hirmaachuun himataman 12 to'atamuu himeera. Jiraattoonni garuu baayyeen qabamuufi garaa garummaa tokko malee akka reebaman himu.

Mormiin magaaloota biroo jiraa?

Magaalaa Wuqiroo kan Maqalee irraa fageenya KM 45 irratti argamtuutti mormiin Roobii eegale. Kunis sababii odeeffannoo dureewwan amantaa marii wal fakkaataaf gara magaalattii ni dhufu jedhu dhagahameef akka ta'e jiraataan tokko BBCtti hime.

Sababii kanaanis suuqoonni hundi cufamuufi daandiin ugguramuu hima. Sararri bilbilaasa Roobii ganama sa'aatii lamaa hanga sa'aatii 9tti adda cituu himu.

''Daandiirra osoon jiruun sagalee dhukaasa rasaasaa dhagahe. Achii hundi keenyaa fiigne manatti galle. Akka tasaa ta'ee namoonni daandiirra turan xiyyeeffannaa keessa galfaman,'' jechuun hakimiin tokko sirna awwalcha namoota ollaasaa lama irratti hirmaate tokko BBCtti himan.

Eenyummaan namoota ajjeefaman lamaanii yoo himuus, lamaanuu gaarii fardaarra kan hojjatan turan jedha.

Sababii kanaanis namoonni hedduun madaa'aanii yoo xinnaate saddeeti ajjeefamuu mirkanaa'eera. Isaan kessaayis tokko ganda 16 irraa, lama ammoo naannoo mana barnootaa Kisaanet fi tokko ollaa Magaalaa Maqaleetti ajjeefaman.

Jiraattoonni BBCtti akka himaniitti, namoota ajjeefaman keessaa muraasni kanneen baadiyyaa dhufanii gargaarsa fudhataa turan.

Taatee jedhame kanarratti qaamni motummaa federaalaa yaada kennee hinjiru. Yaaliin BBCn bulciinsa motummaa yeroo naannoo Tigraay addatti dhimma kanarratti dubbisuuf taasisee hinmilkoofne.

Guyyaa Kamisaa haalli fooyya'ufi jiraattoonni muraasni ammoo mana saanitii bahuu eegaluu dubbatu.

Maaltu kanaaf ka'umsaa?

Erga lolli naannoo Tigraay eegalee guyyoota 100 guteera. Namoonni miliyonaan lakkaa'aman qee'eesaanii irraa kan buqqa'an yoo ta'u, kanneen kuma 60 ol ta'an Sudaaniitti baqataniiru.

Dhaabbannii Motummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Awurooppaa naannicha gutuuttu namoota deeggarsi barbaachisu bira gahuuf danggaa akka hinjiraane gaafachuun, naanicha keessaaf balaa namoomaatiif sodaa qabaachu ibsan.

Akkasumas himannaawwan miidhaawwan mirgoota namoomaa kan akka gudeeddee, ajjeechaa sanyii bu'ureeffatee, ukkamsuufi saamichaa qaama walabaatiin akka qoratamuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaafi Motummaan Itoophiyaa naannichatti deeggarsa nyaataa namoota miliyoona sadiif taasisuuf waliigalte irra kan gahan torbanuma darbe kana ture.