Lola Tigiraay: Bulchiinsi yeroo Tigraay ummanni hidhattoota TPLF akka ofirraa fageessuuf akeekkachiise

Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay namoota naannicha jeeqan jedhaniif akka dahoo hin taane ummata akeekkachiise.

Bulchiinsichi humnoonni TPLF ''faffaca'an'' fi ''ummata keessa dhokfaman jiru,'' jechuun himate.

Ibsa bulchiinsi mootummaa TPLF bakka bu'un yeroof naannichaa bulchaa jiru kun Kibxataa TV naannichaarratti gadhiifameen ummataaf ergaa dabarseera.

''Humnoota badii dabarsaa kennaa'' yookiin ''nageenya keessaniif jedhaa isaanirraa adda of baasaa'' jechuun ''tarkaanfii'' fudhatamuu maluuf akka haleellaaf hin saaxilamne akeekkachiise.

''Humnoonni badii gandootaafi magaalota Tigraay keessa nagaa hawaasaa diiguun jeequmsa hamaatti geessuuf hojjetaa akka jiran mirkanaa'eera,'' jechuun himate.

Mootummaan federaalaa erga humnoonni TPLF buufata waraanaa federaalaa Iizii kaabaa haleelanii booda oppireeshinii waraanaa gaggeesseen torban sadii keessatti Maqalee to'ateera.

Ergasii qondaaltonni gameeyyii dhaaba TPLF gariin yoo to'ataman kaan ajjeefamaniiru. Ta'us, ammallee dura ta'aa dhaabichaafi kaan ammallee hin to'atamne.

Isaan ta'uu isaanii qaama walabaarraa mirkaneeffatamuu baatullee, Dabratsiyoni G/Mikaa'el (PhD)fi Obbo Getaachaw Raddaa yeroo adda addaatti ergaa miidiyaa dhaaba TPLF'tti hidhata qaburratti dabarsaniin ''lolli itti fufuu'' dubbatan.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, ammalleen darbe darbe waraanaa federaalaafi humnoota TPLF gidduu walitti bu'iinsi ni jira.

Bulchiinsi yeroo naannichaa ibsa baasen lammiileen yeroo labsii muddamaa itti socho'uun danda'amu akka kabajaniif gaafateera. Yeroo ammaa ganama sa'aatii 12 duraafi galgala sa'aatii 12 booda socho'uun hin danda'amu.

Bulchiinsi yeroo Tigraay Dr Muluu Naggaan hoogganamu nagaa buusuuf, bu'uuraalee misoomaa ijaaruufi mirga siyaasaa ummata Tigraay akka kabajamu dalagaa jiraachuu ibsuun, ummati akka isa deeggaru waamicha dabarseera.

Lammiilee Itoophiyaa Tigraayirraa Sudaanitti baqatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiilee Itoophiyaa Tigraayirraa Sudaanitti baqatan

Akka gabaastonni jedhanitti mootummaan giddugalaa qondaaltota ofii muuduun dhalattoonni Tigraay mufachiiseera. Qondaaltonni kun erga bulchitoonni duraanii naannichaa aangoorraa kaafaman booda kan bakka bu'anidha.

Torban darbe gareen nagaa abbootii amantaafi atileetii beekamaa Hayilee G/Sillaasee of keessatti qabate gara Maqaleetti yoo imalu mormiin isa mudate ture.

Akka jiraatonniifi maddeen hospitaalaa ibsanitti, mormii kanaan yoo xiqqaate namoonni saddeet bakkeewwan naannichaa garaa garaatti ajjeefamaniiru.

Lolli Naannoo Tigraay keessaa erga eegalee as deeggarsi namoomaa, qooda Ertiraa, dhimma baqattoota Ertiraa, lammiilee Sudaanitti baqatan, ajjeechaa, dirqamaan gudeeduufi himannaawwan garaa garaa dhihaatan ijoo dubbii miidiyaalee ta'aniiru.

Paartileen mormituu Tigraay kana dura ibsa waloo baasaniin lammiileen nagaa miidhamuufi waraanni Ertiraa Tigraay keessa jira jechuun akka bahu gaafataniiru.

Gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach immoo waraanni federaalaa magaalotatti dhukaasaa ture jechuun himateera. Qondaaltonni federaalaa kana balaaleeffatu.

Waraanni Ertiraa Itoophiyaa seenuu irratti mootummaan federaalaa haaluus, bulchitoonni naannichaa jiraachuu isaanii ibsuufi sababa itti seenan ibsaa turuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajiloonni kominikeeshii naannichaa keessatti guutummaatti waan hin jiraanneef yeroo dheeraaf waan lafarra jiru baruun rakkisaa ta'eera.