Namichi kachachala Biil Kilintan dabalatee dhimma namoota bebbeekamoo qoratu haala hin beekamneen ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images
Namichi kachachala Biil Kilintan dabalatee dhimmoota namoota bebbeekamoo qorachuun beekamu haala hin beekamneen ajjeefame.
Namni maqaan isaa Jaak Palaadiinoo jedhamu kun sababa kaameraa isaatiin garuu warra isa ajjeese saaxilchuu danda'eera.
Jaak Palaadiinoo umurii waggaa 76tti kan du'e yoo ta'u, Ameerikaa keessatti qorataa yakkaafi haala mijeessaa beekamaadha.
Jaak Palaadiinoon Kamise darbe ture kan tasa harka kashallootaa lubbuu isaa dabarsan kan gale.
Kashalabboonni kunneen eessaa dhufan osoo hin jedhiin ulaa mana jireenyaasaa Saanfiraansiiskootti argamu fuula duratti morma hudhanii isa qaban.
Yeroo sanatti wallaansoo qabuuf yaalullee humna caalanii isa kuffiisan.
Haata'u malee, Jaak Palaadiinoon kaameraa isaa durii ittiin ragaa yakkaa adamsa ture of harkaa qaba ture. Yeroo kashalabboonni kunneen kaameratti irraa butuuf yaalanitti akkuma ta'u ta'ee suura tokko isaan kaase.
Miidhaa kashlabboonni kunneen mataasaarra geessisaniin lubbuun isaa darbitullee poolisiin yakkamtoota kan argateera.
Poolisoonni namoota ajjeessan kana qabuu kan danda'eefis suura Jaak Palaadiinoo osoo hin du'iin dura kaamerattii isaatiin kaa'e gargaaramuun ture.
Qorataan dhuunfaa yakkaa gurra guddaa qabu Palaadiinoon maamiltoota hedduu qaba. Pirezedaantota duraanii Ameerikaa, taatota fiilmii Holiiwuud bebbeekamoo, artistootaafi barreessitoonni bebbeekamoo maamiltoota isaa keessatti argamu.

Madda suuraa, Getty Images
Kaameraan Palaadiinoo suura namoota isa ajjeesuun shakkamanii kaafattee waan qabduuf poolisoonni adamsanii isaan qabanillee, yeroodhaaf hospitaala qaqqabsiisanillee garuu lubbuun isaa kaleesse baate.
Palaadiinoon hojii qorannaa dhuunfaa ittiin beekamuun waggota dheeraa kan lakkoofsise yoo ta'u, dhimmoota falmisiisoodha jedhaman qabachuudhaan hedduu beekama.
Pirezedaantii duraanii Ameerikaa Biil Kilitan, taatoo beekamtuu Kertiinii Laav, akkasumas miidhaa saalaa dubartoota 50 ol ta'an irra geessisuun himatamee kan mana hidhaa jiru Harveey Wiinisteen maamiltoota Palaadiinoo turan.
Haati warraa Palaadiinoo Saandiraa Suuterlaand yakkamtoonni qabamuu isaanii yeroo dhageessu, "Abbaan warraakoo qorataa ture osoo hojii ofiin hojjeteen yakkamtoonni akka qaban gochuu isaa bareera ta'ee," jechuun Assoosheetid Pireesiitti dubbatte.
Namni umurii isaa guutuu qorataa yakkaa ta'e warri isa ajjeesan haala kanaan qabamuun isaanii walirra ooluu jireenyaa jechuun namoonni ajaa'ibsiifachaa jiru.
Palaandiinoo nama Seera barate yoo ta'uqorataa dhuunfaa ta'ee hojjechuu kan jalqabe bara 1970ta keessa ture.
Palaandiinoon bara 1977 garee qorannaa yakkaa dhuunfaa tokko keessatti haadha warraa isaa waliin qacarame. Inniifi haati warraa isaa waggoota dheeraaf qorannaa yakkaa keessa waliin hojjetaniiru.
Palaandiinoonfaa keessattuu artistoota bebbeekamoo Holiiwuud keessa hojjetan maqaan isaanii akka hin xuroofneef duula miidiyaa banuu ykn miidiyaa afaan qabachiisuurratti hojjetu.
Fakkeenyaaf, Kerteneel erga abbaan warraa ishee du'ee booda hamiiwwan miidiyaalee waa'ee isaa dubbataman akka isheef afaan qabsiisuuf Palaandiinoo qacartee turte.
Palaandiinoon keessattuu hamii Biil Kilinten gaa'ela isaaniin alatti ni kachachalu jedhamu akka awwaaluufiif Kilintan isa qacaruudhaan hojii bu'a qabeessa hojjeteeraaf ture.
Bara 2007 Gaazexaan Firaansiiskoo Egzaamaayinar Palaandiinootiin yeroo ibsu, "Qorataa itti muddaa, maqaa gur'aacha'e kan qulqulleessu, nama ogummaa isaatiif du'u," jedhee ture.














