Namichi Awustiraaliyaa tokko mataasaa mangaagaa naachaa keessaa baasee of oolche

Awustiraaliyaatti namichi naachaan ciniiname tokko mataasaa mangaagaa naachichaa keessaa of baasee lubbuu isaa oolfachuu danda;uu ogeessonni fayyaa himan.
Namni naachi qabate kun gaheessa umuriin ganna 44 yoo ta'u, Kiwiinslaand, Haroo Pilaasiid keessa osoo daakaa jiruu akka isa mudate ogeessonni fayyaa ni dubbatu.
Naachi namicha kanarraan miidhaa geessise meetira 1.5 hanga 2 akka dheeratus ibsameera.
Yeroo gara hospitaalaa geeffametti miidhaan xiqqoon akka irra jirus dubbatan.
Aanga'oonni naannichaa namni kun miidhaan dabalataa osoo isa hin mudatiin lubbuu isaa oolfachuun isaa carra qabeessadha jedhan.
Ogeessonni fayyaa yeroo atattamaa gaafa Kamisaa yeroo balaan kun isa mudatetti bakka sana yeroo gahanitti "baayyee tasgabbaa'ee" akka ture dhugaa bahan.
"Inni akka nutti himetti yoo ta'e, naachichi mataasaa ciniine. Yeroo kanatti carraaqqii mataasaa gadhiisifachuuf taasisuun harka isaa garaa naachichaatti galchee kan ture yoo ta'u sababa kanaan ammoo quba elemtuusaa dhabeera," jechuun gaazexeessitootaaf ibsan.
Namni kun haroo walakkaa bakka miidhaan irra gahe irraa ka'ee hanga qarqaratti bahutti daakeedhuma dhufe. Erga qarqara harootti daakee ba'ee boodas hanga warra baraaran dhufanittis eegeera.
"Akka qorannoo keenyaatti mataan isaa bakka miidhaan irra gahe ni mul'ata, mallattoon irra jira," jedhe hakiimni tokko.
Namichi gara Hospitaal Kaariinsi kan geeffame yoo ta'u, BBCn hospitaalichaarraa mirkaneeffachuu akka danda'etti haala tasgabbii qabuufi fayyaa gaariirra jira.
Namichi eenyummaan isaa akka himamu kan hin barbaadne yoo ta'u, haroo sanarra kanaan durallee waggoota saddettan darbaniif torbanitti guyyaa sadii deemee daakaa ture jedhameera.
"Gara haroo kanaa yeroo biraatti deebiyee kan bishaan daaku yoo ta'e waan nama jaa'ibu hin ta'u," jechuun muuxannoo inni qabu ibsa hakiimichillee.
Eegduun naannoo Kiwiinslaand ogeessota gara naannichaatti kan erge yoo ta'u, "Balaan qaqqabe bifa akkamii akka qabu qorachuudhaaf, akkasumas tarkaanfiin barbaachisaan fudhatamu yoo jiraateef jecha," akka hojjetaman beeksiseera.












