Baayidan dhorkaa viizaa biyyoota Musliima hedduu qaban irra ture kaasan

Dhorkaa kaahame mormuun hiriira gaggeefamaa ture

Madda suuraa, AFP

Pireezidantiin US haaraan Joo Baayidan aangoo qabatanii sa'aa muraasa keessatti imaammatoota Tiraamp hedduu haaraan bakka buusaa jiru. Kan keessaa tokko dhorkaa viizaa biyyoota Musliima hedduu qaban irratti kaahamee ture haquudha.

Labsii haaraa dhorkaa kana haquuf mallatteessan irratti ''US kan ijaaramte bu'uura bilisummaa amantaafi wal-danda'uurratti, kun heera Yunaayitid Isteetis irratti hayyamamee ''jedha.

Haata'u malee bulchiinsa Tiraamp jalatti labsiiwwan Pireezidantiifi seeronni haaraan biyyoota Musliima hedduu qabaniifi biyyoota Afrikaa gariin irraa namootni gara US akka hin galle dhorkaniiru.

''Gochoonni kun waliigaltee biyyaalessaa keenya cilee dibu, seenaa keenya baroota dheeraa amantii kamuu qabaniifi amantii hin qabne simachuu waliin hin deemus'' jedha labsiin Baayidan haaraan.

Tiraamp dhorkaawwan kana kan labsan aangoo qabatanii guyyoota torba booda kan mallatteessan Ameerikaa balaarraa eega jechuuni.

Namni kamuu biyyoota akka Iraan, Liibiyaa, Somaaliyaa, Siiriyaa, Yaman, Veenzuweelaafi Kooriyaa Kaabaa irraa gara US hin gallee Viizaa kennuun dhorkamee ture. Guraandhala darbe ammoo biyyootni dabalataa jaha biyyoota kanatti dabalamuun akaakuun viizaa argatanii daangeffamee ture. Kunis Eertiraa, Naayijeeriyaa, Sudaaniifi Taanzaaniyaa dabalata.

Baayidan gochi Tiraamp nageenya biyyaalessaa yaaddoo keessa kan galchee turee jedhan.

''Isaan(seeronni) namoota waljaalatan adda baaseera, madaa barootaaf hin fayyine uumeera. Dogoggoora ifa galaadha.''

Pireezidantiin haaraan kun US yaaddoowwan nageenyaa of eeggannoon ilaala jedhaniiru.

''Namootni Ameerikaa galuuf Viizaaf yeroo iyyatan sirna qorannoo gadi fagoo nama dhuunfaarratti xiyyeefate hojiirra oolchina. Haata'u malee US galuuf dhorkaa loogiin guutaameen duudhaa keenyatti dugda hin garagalchinu.''