Joo Baayidan imaammatawwan Tiraamp jijjiiruun hojii eegale

Pireezidant Baayidan waa'ee koronaavaayirasii, jijjiiirama qilleensaa fi godaansaa irratti ajajoota dabarsan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Baayidan waa'ee koronaavaayirasii, jijjiiirama qilleensaa fi godaansaa irratti ajajoota dabarsan

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan aangoo qabatee saa'atii muraasaa booda imaammatawwan ijoo Donaald Tiraamp jijjiiruun hojii eegale.

"Kufaatii nu mudataa jiru dhaabuuf yeroo gubuu hin qabnu," jechuun akka Waayit Hawus galeen tiwiitarii irratti barreesseera.

Pireezidant Baaiydan imaammatawwan jajjaboo 15 kana mallattesse yoo ta'u, inni jalqabaa ittisa koronaaavayirasii irratti qooda mootummaa federaalaa guddisuudha.

Ajajooti biroo inni mallatteesse ejjennoo bulchiinsi Tiraamp jijjiiramaa qilleensaa fi goodansa irratti qabaachaa ture kan geeddarudha.

Pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun sirna kakuu erga raawwateen booda Joo Baayidan gara Waayit Haawus imaluun hojii kan eegale.

Sirna kakuu kanarratti akka kanaan dura namni hedduun hin argamne, kunis sababa weerara koronaavaayirasiin kan uumamedha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, "Sa'aatii kanatti diimokiraasiin irra aane"

Haasaa sirna kakuu raawwannaa irratti taasiseen Joo Baayidan waa'ee hokkora deeggartoonni Tiraamp torbee lama dura kaasanii fi walumaagalattii diimokiraasiin Ameerikaa rakkoo keessa akka ture dubbate.

"Diimokiraasiin ni injifate, irra aane" jechuun dubbate.

Kaamalaa Haaris yeroo jalqabaaf dubartii pireezidantii itti aantuu ta'uun kakuu raawwatte taateetti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Dubartii gurraattii jalqabaa pireezidantii itti aantuu taate

Sirna bakka humnooti nageenyaa eegumsa jabaa taasisaa turanitti raawwate kanaan booda, Joo Baayidan fi giifti duree Jiil Baayidan akkasumas Kaamalaa Haaris fi abbaan warraa ishee Daag Emhoof deeggartootaa fi hiriyoota isaanii nagaa gaafachaagara Waayit Haawus miilaan qajeelan.

Maatii Baayidan wayita gara Waayit Haawus imalan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii Baayidan wayita gara Waayit Haawus imalan

Ajajooti Baayidan mallatteessan maali?

Weerara koronaavayirasii lubbuu lammilee Ameerikaa 400,000 ol galaafate kana loluuf qajeelfamooni hedduun hojiirra ni oolu.

Bakkeewwan mootummaan federalaa bulchu maratti maaskii uffachuu fi walirraa fageenya eeguun dirqama ta'a.

Ittisa weerarichaa kan qindeessu waajjirri haaraa kan hundaffamu yoo ta'u, adeemsi bulchiinsi Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessa US baasuuf eegales ni dhaabbata.

Baayidan guyyoota jalqabaa 100 keessatti namoota miliyoona 100 talaaluuf yaadu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baayidan guyyoota jalqabaa 100 keessatti namoota miliyoona 100 talaaluuf yaadu

Dabalataanis Baayidan hojiin jijjiirama qilleensa irratti hojjatamuu xiyyeeffannoo ijoo bulchiinsa isaa akka ta'u waadaa seeneera.

Waligaltee jijjiirama qilleensaa Paaris 2015 kana bara darbe Tiraamp US keessa akka baatuu taasiseetti deebi'anii akka makamaniif, ajaja olaanaa Baayden mallateesseera.

Eeyyamma pireezdaantii irraa ujjummoon Keeyston XL akka diriirfamuuf kennamee turee fi kan qoggeessonni kunuunsa fayyaa fi gartuuleen Lammilee Neetiv Ameerikaan waggootii dheeraaf mormaa turan Baayden deebise haqeera.

Murteen kun yeroo Jimaata Baayden bilbilaan bulchaa biyyaa biraa - Ministira Mummee Kaanadaa Jastin Tirudoo- waliin yeroo jalqaba haasa'u akka mari'atamuu dubbiin himtuun Waayit Hawuus Jeen Psaaki ibsaniiru.

Dhimma godaantoota irratti Baayden qajeelfama daangaa Meeksikoo irratti dallaa ijaaruufi biyyootii amantaa Islamaa irraa imala dhorkuun bulchiinsi Tiraamp baasee deebisee haqeera.

Qajeelfamooti biroon Baayden mallateesse kanneen walqixxumaa korniyaa fi sanyuumma irratti xiyyeeffatanidha.