Israa'el duula talaallii Covid-19’n addunyaa dursaa jirti jedhame

Madda suuraa, EPA
Israa’eel lammiilee ishee miliyoona tokkoo oliif talaalii koronaavaayirasii irraa ittisu kennuun biyyoota addunyaa dursaa jiraachuun himame.
Biyyattiin wayita ammaatti namoota 100 keessaa kan 11.55 ta’aniif talaallii kennuun dursaa kan jirtu yoo ta’u, Baahireen ammoo 3.49n itti aante lammaaffaa, Ukn ammoo 1.47n sadarkaa sadaffaa irra jiraachuu marsariitiin Yunivarsiitii Okisfoordiin hidhata qabuufi talaallii addunyaa hordofu tokko beeksiise.
Wal madaalchisuuf Faransaayi waliigalatti hanaga Muddee 30tti namoota 138 talaalte.
Hanga ammaattis namoonni miliyoona 1.8 ta’an addunyaarratti koronaavaayirasiin du’aniiru.
Lakkoofsi baayina talaallii daataa Addunyaa kan walta’insaa Oksifoordiifi dhaabbata tola oltummaa barnoota Uktti bu’urreeffate tokkon walitti qabameedha jedhame.
Isaanis baayyina namoota talaallii qoricha koronaavaayirasii kan jalqabaa fudhatan lakkaa’an.
Talaaliiwwan fayyadamaaf mirkanneeffaman baayyeen isaanii doozii lama kan torbaniin waliirraa fagaatee kennamaniidha.
US dhuma bara 2020tti namoota miliyoona 20 talaaluuf karoora qabattee osoo galmaan hingahiin hafte. Hanga Muddee 30tti namoota miliyoona 2.78 qofatu talaallicha fudhate.
Gana biraatiin ammo Indiyaan osoo talaaliichi qaama to’ataa biyyaaleessaatiin hinmirkanoofne dura turban dhufaa keessa kennuu eegaluuf jirti.
Israa’eel maaliif akkasiin dursite?
Isreaa’e talaallii kennuu Muddee 19 kan eegalte yoo ta’u, namoota umuriinsaanii waggaa 60 ol ta’e, hojjattoota fayyaa fi kanneen sababbii fayyaasaanitiin caalaa saaxilamu ta’aniif dursa kennuun, guyyaatti namoota gara kuma 150 ta’anii talaalti.
Waliingaltee dursa taasifameen dhiyeessitii talaallii Pfizer-BioNTech irraa argataa jirti. Namoota dursi kennamuuf qaban karaa sirna kunuunsa fayyaa biyyattiin kan adda baaftu ta’un barame.
MM biyyatti Beenjaamiin Neetaanyaahuu kan ammaa deebiisee filatamuuf duula gaggeessaa jiran, jalqaba Guraandhalaatti biyyattiin weeraricha irraa akka bayyanattuu tilmaamaniiru.
Faransaayi maaliif booddeetti hafte?
Faransaayi duula talaallii guyyoota sadii duraa kan Muddee 27 labsameen, talaaluu kan dandeessee namoota 100 gadi ta’an qofa ture.
Jarman dhuma baatii Muddeetti namoota kuma 130 talaaluu dandeesee jirti.
Kanaafis sababbii tokko shakkii ummanni talaalii irratti qabu akka ta’e himama.Yaalii fedhii namootaa waliitti qabuuf kaawuntiiwwan 15 keessatti dhaabbata ‘Ipsos Global Advisor’ jedhamuun taasifameen, kanneen %40 ta’an qofaatu talaalamuuf hayyamoo ta’u ibsan.
Chaayinaatti ammo %80, UKtti %77 fi UStti %69tuu talaalamuuf fedhii agarsiise.
Jalqaba torbaan kanaatti Ministirri Fayyaa Firansaay duri waan manneen kunuunsaatiif kennameef lakkoofsi gadaanaa ta’e jechuun haala dhuksu yaalanii turan.
Haata’u malee pirezidaanti Emaanu’e Maakroon Kamisa darbe sagalee cimaadhaan ‘‘Sababii qabatamaa malee boodatti harkifannaa hinmirkanoofne hinfufhadhu’’ jedhaniiru.
Indiyaan maal gochaa jirti?
Inidiyaan walakkaa bara kanaatti namoota miliyoona 300f talaalii gahuuf karoorfate jirti.
Biyyattinis talaallii Oxford-AstraZeneca kan amma motummaan mirkanaa’ee fayyadamuuf.
Talaalliin Oksifoord kunis kan akka Pfizer bakka kuusaa baayyee qabbanaa’aa hinbarbaachisu.
Haalli kunis talaalicha bakkee haalli dhaabbilee fayyaa waan hunda gutamee hinqabneetti talaaluuf kan filatamu taasiseera.
Indiyaa keessatti namoonni kuma 150 ta’an covid-19n du’aniiru. Kanneen miliyoona 10 ta’an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u kunis biyyatti Ameerikaatti aantee baayina namoota vaayirasichaan qabamaniitiin addunyaarratti sadarkaa lammaaffaarra akka argamu taasiseera.













