Koronaavaayirasii: Covid addunyaarratti kabaja bara haaraa qabbaneesse

Ibsa waa'ee viidiyoo, Agarsiisa Riichiitii bara haaraa Niwu Ziilaand fi Awustiraaliyaa kan bara 2021

Tatamsa'inni koronaavaayirasii hammaachuu hordofuun akkaataa barri haaraa kabajamu ilaalchisee mootummoonni biyyoota addunyaa uggura haaraa labsaa jiru.

Agarsiisawwan richiitii fi sagantaawwan gurguddoon namootni waliin ta'uun kabajatan Siidnii hanga Niwu Yoorkitti haqamanii jiru.

Keessumaahuu Awurooppaa keessatti kabajni bara haaraa marti akka hafu taasifameera. Kunis sodaa akaakuu vaayirasichaa haaraa argame kan daran saffisa jedhameetiini.

Firaans kabaja jala bultii ayyaana baha haaraa ittisuuf akkasumas uggura halkanii labsame akka kabachiisan poolisoota 100,000 ol bobbaaste.

Bara darbe erga weerarri vaayirasichaa mudatee as namoonni miliyoona 1.8 ta'an yoo du'an, namoonni miliyoona 81 vaayirasichaan qabamaniiru.

Biyyoonni Eeshiyaa-Paasifiik akkamiin hubaman?

Sababa garaagartee sa'aatiitiin biyyoota bara haaraa dursanii labsatan keessaa Awustiraaliyaan ishee tokko.

Jijjiirama barri fidu: Siidnii Mudde 31 bara 2019 fi Mudde 31 bara 2020

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Jijjiirama barri fidu: Siidnii Mudde 31 bara 2019 fi Mudde 31 bara 2020

Sagantaan beekamaan agarsiisa richiitii magaalaa Siidnii ni gaggeeffama garuu akka kanaan duraa namni hedduun walitti qabamee hin daawwatu.

"Hiree vaayirasichi akka malee akka tatamsa'u taasisu uumuu hin feenu" jedhan bulchaan Niwu Saawuz Weels Gilaadiis Berehikliin.

Kanaaf lammileen Awustiraaliyaa hedduun agarsiisa richiitii jala bultii ayyaana bara haaraa Kamisa halkan qixxee raawwatu manumaa TVn hordofu.

Beejingi agarsiisa richiiti haqxe garuu ayyanichaaf qophii godhaa jirti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Beejingi agarsiisa richiiti haqxe garuu ayyanichaaf qophii godhaa jirti

Chaayinaatti agarsiisfni richiitii magaalaa guddoo Beejingitti waggaa waggaa taasifamu haqameera. Magaalota biyyattii kaan keessattis kabajni ayyaanichaa akka qabbanaa'u taasifameera.

Japaan sagantaa bara haaraa baratamaa ta'e kan mootiin biyyattii bahanii lammilee biyyattii harka fuudhan hambifteetti.

Indiyaatti, Delhii fi magaaloti biyyattii kan sochii halkanii ugguranii, guyyaas namni heddumminaan kabaja ayyaanichaaf akka wal hin geenye dhorkan.

Niwu Zilaanditti uggurri manaa bahuu dhorku labsamee daangaanis cufamus kabaji ayyaana bara haaraa haaluma baratameen itti fufa.Awurooppaan hoo?

Firaansitti mootummaan Kamisa irraa eegalee poolisoota bobbaaseera. Paaris keessatti tajaajilli geejjiba baaburaa gariin ni cufama.

Manneen nyaataa fi dhugaatii akkasumas hawwatawwan turistii cufamanii turu.

French gendarme

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Firaans poolisoota bobbaaste

Ingilaand iddoo vaayirasiin akaakuun haaraan akka malee tatamsa'aa jirutti namoonni miliyoona 20 ta'an uggura jala jiru.

Namoonni manaa bahanii walitti qabamuus ta'e mana walii dhaqanii wal arguun hin danda'an.

Poolisiin magaalaa Landan jiraattonni ayyaanicha manuma isaanii keessatti akka kabajatan hubachiisee jira.

Biyyoonni akka Ayarlaand, Jarmanii, Neezarlaandis fi Tarkiis uggura namoonni akka walitti hin qabamne dhorku labsanii jiru.

Ameerikaanis isteetiiwwan akkasumasmagaalota hedduu keessatti kabaja ayyaana bara haaraa daangessanii jiru.

Sagantaan baratamaan Niwu Yoork, Taayims Iskuweeritti taasifamu bakka namni hin argamnetti ta'a.

Magaalota akka San Firaansiiskoo fi Loos Anjalas keessatti agarsiifni richiitii haqameera.